Daaniʼel6
Daaniʼel Boolla Leencaa Buufame
1Daariyoos akka isaan guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota taʼaniif ilmaan moototaa 120 muuduu barbaade;2innis isaan irratti bulchitoota ol aantota sadii muude; isaan keessaas tokko Daaniʼel ture. Akka mooticha irra rakkinni hin geenyeefis ilmaan moototaa kunneen bulchitoota ol aantota sadan jalatti bulu.3Mootichi sababii Daaniʼel ilmaan moototaatii fi bulchitoota ol aantota kaan caalaa dandeettii addaa qabuuf isa jaallatee guutummaa mootummaa irratti isa muuduu barbaade.4Sababii kanaaf bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa waan hojii mootummaa ilaaluun Daaniʼelin himachuuf karaa barbaadan; garuu akkas gochuu hin dandeenye. Daaniʼel amanamaa, of eeggataa fi nama mudaa hin qabne waan taʼeef isaan isa irratti dogoggora tokko iyyuu argachuu hin dandeenye.5Dhuma irrattis namoonni kunneen, “Yoo waan seera Allaah isaatiin wal qabatu taʼe malee waan ittiin namicha Daaniʼel jedhamu kana himannu tokko iyyuu hin argannu” jedhan.6Kanaafuu bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa tokkummaadhaan mooticha bira dhaqanii akkana jedhan; “Yaa Daariyoos mooticha, bara baraan jiraadhu!7Yaa mootii, akka namni hamma bultii soddomaatti si malee waaqeffatamaa biraa waammatu yookaan nama kam iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu, akka mootichi labsii baasee ajajni isaas cimu bulchitoonni mootummaa, muudamoonni, ilmaan moototaa, gorsitoonnii fi qondaaltonni hundi walii galaniiru.8Yaa mootii, labsii baasi, akka seera Meedee fi Faares kan hin geeddaramne sanaas mallatteessi.”9Kanaafuu Daariyoos mootichi labsii sana barreessee baase.10Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee duʼaa godhate, Allaah isaatiifis galata galche11Namoonni kunneen gareedhaan dhaqanii Daaniʼelii duʼaa godhatuu fi Allaah isaa gargaarsa gaafatuu argatan.12Kanaafuu isaan gara mootichaa dhaqanii, “Yaa mootii, ati akka namni guyyoota soddomman kana keessa si malee waaqeffatamaa biraa kam iyyuu waammatu yookaan nama tokko iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu labsii hin baafnee?” jedhanii waaʼee labsii inni baase sanaa isa gaafatan.Mootichis, “Seerri sun seera akkuma seera Meedeetii fi Faares kan hin geeddaramnee dha” jedhee deebise.13Isaan mootichaan, “Yaa mootii, warra Yihuudaadhaa boojiʼaman keessaa Daaniʼel siifis seera ati baafteefis xiyyeeffannaa hin kennu. Inni ammas guyyaatti yeroo sadii duʼaa godhata” jedhan.14Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti akka malee gadde; Daaniʼelin baasuufis murteeffatee hamma biiftuun lixxutti waan dandaʼame hunda godhe.15Ergasii jarri gareedhaan mootichatti dhiʼaatanii, “Yaa mootii, akka seera Meedeetii fi Faares akka seerri mootiin tokko baase yookaan ajajni inni kenne geeddaramuu hin dandeenye beeki” jedhaniin.16Kanaafuu mootichi ajaja kenne; isaanis Daaniʼelin fidanii boolla leencaatti darbatan. Mootichis Daaniʼeliin, “Allaahan kee kan ati yeroo hunda isa tajaajiltu si haa baraaru!” jedhe.17Dhagaanis fidamee afaan boolla leencaa sanatti qadaadame; mootichis akka wanni Daaniʼel irratti murtaaʼe sun hin geeddaramne chaappaa mallattoo qubeelaa isaatii fi kan qubeelaa qondaaltota isaa irratti chaappesse.18Ergasiis mootichi gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee halkan guutuu utuu waa hin nyaatinii fi gammachuu hin argatin hirriba malee bule.19Barii barraaqaanis mootichi kaʼee gara boolla leencaatti ariifate.20Innis yommuu boolla sanatti dhiʼaatetti sagalee guddaadhaan, “Yaa Daaniʼel tajaajilaa Allaah jiraataa, Allaahan ati yeroo hunda isa tajaajiltu sun leencota irraa si baraaruu dandaʼeeraa?” jedhee Daaniʼelin waame.21Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Yaa mootii bara baraan jiraadhu!22Allaahan koo malaʼikkaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.”23Mootichis akka malee gammadee akka Daaniʼel boolla keessaa baafamu ajaje. Daaniʼelis waan Allaah isaa amanatee tureef yommuu boollaa baʼetti madaan tokko iyyuu isa irratti hin argamne.24Warri sobaan Daaniʼelin himatanis ajaja mootichaatiin niitotaa fi ijoollee isaanii wajjin fidamanii boolla leencaatti darbataman. Utuu isaan boolla sana keessa lafa hin gaʼin leenconni isaan cicciratanii lafee isaanii hunda caccabsan.25Kana irratti Daariyoos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota guutummaa biyyattii keessatti afaan garaa garaa dubbatan hundatti akkana jedhee barreesse:
“Assalaam aleeyikum!26“Ani akka namni kutaa mootummaa kootii hunda keessatti Allaah Daaniʼel sodaatuu fi akka ulfina isaaf kennu labsii kana baaseera. “Inni Allaah jiraataa, kan bara baraan jiraatuu dha; mootummaan isaa hin badu; bulchiinsi isaas dhuma hin qabu.27Inni ni baraara; ni oolchas; shamaayʼun keessaa fi lafa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan hojjeta. Inni Daaniʼelin, afaan leencotaatii baaseera.”28Kanaafuu bara Daariyoosii fi bara mootummaa Qiiros namicha Faares sanaa keessa Daaniʼelitti jireenyi ni tole.
Biblica, Inc.