Amoos6

Warra Yaaddoo Malee Jiraataniif Wayyoo

1Yaa warra yaaddoo malee Xiyoon keessa jiraattan,kanneen Tulluu Samaariyaa irra waan nagaadhaan jiraatan seetan,isaan namoota ulfaatoo saba durii,kanneen sabni Israaʼel gara isaanii dhufuuf wayyoo!2Gara Kaalneetti darbaatii ilaalaa;achii kaʼaatii gara Hamaati guddichaa dhaqaa;ergasii immoo Gaati Filisxeem keessaatti gad buʼaa.Isaan mootummoota keessan lamaan caaluu?Biyyi isaanii biyya keessan caalaa balʼataa?3Isin guyyaa hamaa fageessitaniibulchiinsa jeequmsaa fiddu.4Isin siree ilka arbaatiin miidhagfame irra ciiftu;siree keessan dinkii irra boqottu.Isin xobbaallaa hoolaa filatamoo fijabbii coccoomoo nyaattu.5Isin sagalee baganaatiin weedduu faayidaa hin qabne weeddiftu;akkuma Daawudis meeshaa muuziiqaa qaqqajeelfattu.6Isin xoofoo keessaa daadhii wayinii dhugdu;dibata akka malee gaarii dibattu;garuu badiisa Yuusufiif hin gadditan.7Kanaafuu isin warra jalqabatti boojiʼaman wajjin boojiʼamtanii fudhatamtu;burraaquu fi bashannanuun keessan ni hafa.

Rabbii Allaahan Of Tuulummaa Israaʼel Jibba

8Rabbii Allaahan Gooftaan ofii isaatiin kakateera; Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:“Ani of tuulummaa Yaaʼikuub nan balfa;daʼannoo isaas nan jibba;ani magaalattii fi waan ishee keessa jiru hundadabarsee nan kenna.”
9Namoonni kudhan yoo mana tokko keessatti hafan isaanis ni dhumu.10Yoo firri reeffa baasee gubu tokko mana sana keessaa baasuuf dhufee nama dhokatee achi jiru kamiin iyyuu, “Namni tokko iyyuu si wajjin jiraa?” jedhee gaafatee namichi sun, “Hin jiru” jedheen, inni “Calʼisi! Nu maqaa Rabbii Allaah dhaʼuu hin qabnu” jedhaan.11Kunoo Rabbii Allaahan ajaja kenneeraatii,manneen gurguddaan ni barbadaaʼu;manneen xixinnoonis ni caccabu.
12Fardeen kattaawwan irra ni fiiguu?Namni tokko qotiyyoodhaan achi ni qotaa?Isin garuu murtii qajeelaa gara summiitti,ija qajeelummaas gara hadhaatti geeddartaniirtu;13isin warra Lodebaar moʼachuutti gammaddanii,“Nu humna keenyaan Qaarnaayim qabanne mitii?” jettanii dha.
14Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhaatii;“Yaa mana Israaʼel, ani saba Leeboo Hamaatii jalqabeehamma sulula Arabbaattikaraa keessan hunda irratti isin cunqursu tokko isinittin kaasa.”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3