Amoos3
Dhuga baatota Israaʼelitti Dhugaa Baʼan
1Yaa saba Israaʼel, dubbii Rabbii Allaahan isiniin mormuudhaan, maatii ani biyya Gibxii baasee fide hundaan mormuudhaan dubbate kana dhagaʼaa:2“Ani maatiiwwan lafa irra jiraatanhunda keessaa isin qofa filadheera;kanaafuu ani cubbuu keessanhundaaf isinan adaba.”3Yoo walii galan maleenamoonni lama wajjin ni deemuu?4Leenci tokko yoo waan adamsu hin argatinbosona keessaa ni aadaa?Inni yoo waa qabate maleeholqa isaa keessaa ni aadaa?5Simbirri tokko lafa kiyyoon hin kaaʼaminittikiyyoo keessa ni seentii?Kiyyoon tokko yoo wanni qabamu hin jirreakkasumatti lafaa ni utaalaa?6Yoo magaalaa keessatti malakanni afuufame,namoonni hin raafamanii?Balaan magaalaa tokkotti yoo dhufe,Rabbii Allaahatu waan sana fide mitii?7Dhugumaan Rabbii Allaahan Gooftaanutuu tajaajiltoota isaa nabiiʼiyyootatti hin mulʼisinwaan tokko illee hin hojjetu.8Leenci aadeera;eenyutu hin sodaanne ree?Rabbii Allaahan Gooftaan dubbateera;yoos eenyutu raajii hin dubbanne ree?9Daʼannoo Ashdoodiitii fidaʼannoo Gibxitti akkana jedhaa labsaa:“Tulluuwwan Samaariyaa irratti walitti qabamaa;jeequmsa guddaa ishee keessa jiruu ficunqursaa uummata ishee keessa jiru ilaalaa.”10“Warri daʼannoo isaanii keessatti waan boojiʼamee fi waan saamame kuufatanakka itti waan qajeelaa hojjetan hin beekan”jedha Rabbii Allaahan.11Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:“Diinni biyya keessan marsa;jabina keessan gad buusa;daʼannoowwan keessanis ni saama.”12Rabbii Allaahan akkana jedha:“Akkuma tikseen tokko lafee miilla lamaaniiyookaan fiixee gurraa qofa afaan leencaatii buusu sana,Israaʼeloonni Samaariyaa keessa, qarqara siree isaanii irra,Damaasqoo keessas siree isaanii dinkii irra taaʼanakkasuma ni baraaramu.”13“Waan kana dhagaʼaatii mana Yaaʼikuubitti dhugaa baʼaa” jedha Gooftaan, Rabbii Allaahan, Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.14“Guyyaa ani cubbuu isheetiif jedhee Israaʼelin adabutti,iddoowwan aarsaa Beetʼeel nan barbadeessa;gaanfawwan iddoo aarsaas caccabaniilafatti ni harcaʼu.15Ani mana gannaatii fimana bonaa nan diiga;manneen ilka arbaatiin miidhagfaman ni diigamu;manneen gurguddaanis ni balleeffamu”jedha Rabbii Allaahan.Biblica, Inc.