Hojii6

Namoonni Torba Filatamuu Isaanii

1Bara sana keessa yommuu baayʼinni barattootaa dabalamaa deemetti Yihuudoonni Giriikota keessa jiraatan Ibrootatti guunguman; haadhonni hiyyeessaa Yihuudootaa nyaata guyyaa guyyaan hiramu keessatti hacuucamanii turaniitii.2Kanaaf ergamoonni kudha lamaan barattoota hunda walitti qabanii akkana jedhaniin; “Maaddii tajaajiluuf jennee dubbii Allaaha barsiisuu dhiisuun nuuf qajeelaa miti.3Kanaaf yaa obboloota isin namoota maqaa gaarii qaban kanneen Hafuura Qulqulluu fi ogummaan guutaman torba gidduu keessanii filadhaa. Nus itti gaafatama kana isaanitti kenninee,4Allaah duratti duʼaa gochuu fi dubbii isaa barsiisuutti jabaannaa.”
5Wanni isaan jedhanis tuuta sana hunda gammachiise. Isaanis Isxifaanos namicha amantii fi Hafuura Qulqulluudhaan guutame tokko, akkasumas Fiiliphoosii fi Phirookoroosin, Niiqaaroonaa fi Xiimoonaa, Pharmeenaa fi Niqoolaas namicha Anxookiiyaa isa amantii Yihuudootaatti gale sana filatan.6Isaanis jara kana fuula ergamootaa dura dhaaban; ergamoonnis Allaah duratti duʼaa godhaniifii harka isaan irra kaaʼan.
7Dubbiin Allaaha ni babalʼate; baayʼinni barattootaas Yerusaalem keessatti akka malee dabalame; luboonni hedduun amantii kanaaf ajajaman.

Isxifaanos Qabame

8Isxifaanos ayyaanaa fi humna Allaahatiin guutamee dinqii fi mallattoo gurguddaa namoota gidduutti hojjette.9Miseensonni mana sagadaa warra, “Namoota bilisooman” jedhamanii, jechuunis Yihuudoonni Qareenaa fi Iskindiriyaadhaa dhufan akkasumas Yihuudoonni Kiilqiyaa fi Asiyaadhaa dhufan tokko tokko Isxifaanosiin mormuu jalqaban.10Isaan garuu ogummaa isaa yookaan Hafuura Qulqulluu inni ittiin dubbatu sanaan mormuu hin dandeenye.
11Kanaafuu akka isaan, “Nu utuu Isxifaanos Muusaa fi Allaah irratti dubbii arrabsoo dubbatuu dhageenyeerra” jedhaniif dhoksaan namoota tokko tokko sossobatan.
12Isaanis uummata, maanguddootaa fi barsiistota seeraa kakaasan. Isxifaanosiinis qabanii fuula waldaa Yihuudootaa duratti isa dhiʼeessan.13Dhuga baatota sobduus qopheeffatan; isaanis akkana jedhan; “Namichi kun iddoo qulqulluu kanaa fi seeraan mormuu takkumaa hin dhiifne.14Nu isaa, ‘Iisaan namni Naazreeti kun iddoo kana ni diiga; seera Muusaan nuu kennes ni geeddara’ jedhu dhageenyeerra.”
15Warri waldaa sana keessa turan hundi ija babaasanii Isxifaanosin ilaalanii akka fuuli isaa akkuma fuula malaʼikkaa Allaaha taʼe argan.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3