2 Saamuʼeel7
Abdii Allaahan Daawudiif Kenne
1Mootichi erga masaraa isaa keessa jiraachuu jalqabee Rabbii Allaahan diinota isaa kanneen naannoo isaa jiran hunda jalaa isa boqochiisee booddee,2Naataan nabiiʼiyyichaan, “Ani kunoo mana birbirsaan ijaarame keessan jiraadha; taabonni Allaaha garuu dunkaana keessa jiraata” jedhe.3Naataan immoo mootichaan, “Rabbii Allaahan si wajjin jiraatii waan garaa keetti yaadde kam iyyuu godhi” jedhe.4Halkan sana garuu dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara Naataan dhufe:5“Dhaqiitii akkana jedhii garbicha koo Daawuditti himi; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Kan mana ani keessa jiraadhu naaf ijaaru siʼii?6Ani gaafan Israaʼeloota Gibxii baasee jalqabee hamma harʼaatti mana keessa hin jiraanne. Ani iddoo jireenya koo dunkaana godhadhee iddoo tokkoo gara iddoo biraa naannaʼaan ture.7Ani iddoon Israaʼeloota hunda wajjin naannaʼaa ture kamitti iyyuu bulchitoota akka isaan saba koo Israaʼelin eeganiif ajaje keessaa nama tokkoon iyyuu, “Isin maaliif mana birbirsaa naaf hin ijaarre?” jedhee beekaa?’8“Egaa amma akkana jedhii garbicha koo Daawuditti himi; ‘Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: Ani akka ati bulchaa saba koo Israaʼel taatuuf lafa tikaatii fi bushaayee faana deemuu keessaan si fudhadhe.9Ani lafa ati dhaqxe hundatti si wajjinin ture; diinota kee hundas fuula kee duraa balleesseera. Ammas ani maqaa kee akkuma maqaa namoota addunyaa irratti akka malee gurguddaa taʼanii guddaa nan godha.10Ani akka isaan mana ofii isaanii qabaatanii fi siʼachi hin raafamneef saba koo Israaʼeliif lafa kennee isaan nan dhaaba. Namoonni hamoon akka jalqabatti godhan sana deebiʼanii isaan hin cunqursan;11isaan siʼachi waan gaafa ani saba koo Israaʼel irratti abbootii murtii muudee as godhan sana illee hin godhan. Ani diinota kee hunda jalaas sin boqochiisa.“ ‘Akka Rabbii Allaahan mataan isaa mana siif ijaaru Rabbii Allaahan sittin hima;12yommuu barri jireenya keetii dhumee ati abbootii kee wajjin boqottutti ani akka inni iddoo kee buʼuuf sanyii kee kan gudeeda keetii baʼu nan kaasa; mootummaa isaa illee jabeessee nan dhaaba.13Kan maqaa kootiif mana ijaaru isa; anis teessoo mootummaa isaa bara baraan jabeessee nan dhaaba.14Ani isaaf abbaa nan taʼa; innis ilma naa taʼa. Yommuu inni balleessaa hojjetuttis ulee namootaatiin isa nan adaba; alangee ilmaan namaa ittiin garafamaniinis nan garafa.15Jaalalli koo garuu akka jaalala ani Saaʼol isa ani fuula kee duraa balleesse sana irraa fudhadhe isa irraa hin fudhatamu.16Mannii fi mootummaan kee bara baraan fuula koo dura ni jiraata; teessoon kees bara baraan jabaatee ni dhaabata.’ ”17Naataanis dubbii mulʼata kanaa hunda Daawuditti hime.
Daawud Duʼaa gochuu Isaa
18Ergasii Daawud mootichi ol seenee fuula Rabbii Allaah dura taaʼee akkana jedhe:“Rabbii Allaah Gooftaa, kan ati asiin na geesse ani eenyu? Maatiin koos maali?19Rabbii Allaah Gooftaa, akka waan wanni kun fuula kee duratti gaʼaa hin taʼiniitti ati waaʼee mana garbicha keetii kan fuul duratti taʼus dubbatte. Rabbii Allaah Gooftaa, edaa walitti dhufeenyi ati namoota wajjin qabdu kanaa?20“Daawud kana caalaa maal jechuu dandaʼa? Rabbii Allaah Gooftaa, ati garbicha kee ni beektaatii.21Ati sababii dubbii keetiitii fi akkuma fedhii keetiitti waan guddaa kana hojjettee akka garbichi kee beeku goote.22“Rabbii Allaah Gooftaa, ati akkam guddaa dha! Kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; akka nu gurruma keenyaan dhageenyetti si malee Allaahan biraa hin jiru.23Sabni akka saba kee Israaʼel, kan Allaahan akka inni saba isaa taʼuuf maqaa ofii isaa dhaabbachuuf jedhee isa furuuf saboota ormaatii fi waaqeffatamtoota isaanii illee fuula isaa duraa ariʼuudhaan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa argisiisuudhaan baʼee biyya Gibxii furee baase kan biraa lafa irraa kamii dha?24Ati saba kee Israaʼelin kan ofii keetii gootee bara baraan dhaabdeerta; yaa Rabbii Allaah ati Allaah isaanii taateerta.25“Ammas yaa Rabbii Allaah, yaa Allaah, ati waadaa garbicha keetii fi mana isaatiif galte sana bara baraan eegi. Kanas akkuma waadaa galte sana raawwadhu;26kunis akka maqaan kee bara baraan guddaa taʼuuf. Kana irratti namoonni, ‘Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu Israaʼel irratti Allaah!’ ni jedhu. Manni garbicha kee Daawudis fuula kee duratti jabaatee ni dhaabata.27“Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu, Allaah Israaʼel ati, ‘Ani mana siif nan ijaara’ jettee garbicha keetti waan kana mulʼifteerta; kanaafuu garbichi kee duʼaa kana sitti dhiʼeessuuf ija jabina argateera.28Rabbii Allaah Gooftaa, ati Allaah! Dubbiin kee amanamaa dha; atis waan gaarii kana garbicha keetiif waadaa galteerta.29Akka manni isaa bara baraan jabaattee fuula kee dura dhaabatuuf ammas mana garbicha keetii eebbisuun fedhii kee haa taʼu; yaa Rabbii Allaah Gooftaa, ati dubbatteertaatii; eebba keetiinis manni garbicha keetii bara baraan ni eebbifama.”
Biblica, Inc.