2 Saamuʼeel22
Faarfannaa Galataa Kan Daawud
1Daawud yommuu Rabbii Allaahan harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii Faarfannaa kana Rabbii Allaahaf faarfate.2Innis akkana jedhe:“Rabbii Allaahan kattaa koo ti; daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;3Allaahan koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti.Inni daʼannoo koo cimaa, kooluu kootii fi fayyisaa koo ti;ati namoota humnaan namatti kaʼan jalaas na baasta.4“Ani Rabbii Allaah galanni isaaf malu sana nan waammadha;diinota koo jalaas nan baraarama.5Dambaliin duʼaa na marseera;lolaan badiisaas na liqimseera.6Funyoon siiʼool natti marame;kiyyoon duʼaas natti dhufe.7“Ani dhiphina koo keessatti Rabbii Allaah nan waammadhe;Allaah kootti nan iyyadhe.Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe;iyyi koos gurra isaa seene.8Lafti ni hollatte; ni sochootes;hundeewwan shamaayʼuniiwwanii ni raafaman;sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.9Aarri funyaan isaatii ol baʼe;ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe;cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.10Inni shamaayʼuniiwwan tarsaasee gad buʼe;duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.11Inni kiirubeelin yaabbatee barrise;qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.12Inni dukkana, duumessa shamaayʼunkan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.13Ifa fuula isaa keessaasbakakkaan balaqqisee baʼe.14Rabbii Allaahan shamaayʼuniidhaa ni qaqawweessaʼe;sagaleen Allaah Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.15Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse;bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.16Dheekkamsa, Rabbii Allaahatiinhumna hafuura funyaan isaatii baʼuutiinissululawwan galaanaa ifatti baafaman;hundeewwan lafaas qullaa hafan.17“Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe;bishaanota gad fagoo keessaas na baase.18Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koowarra akka malee natti ciman jalaas na baase.19Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan;Rabbii Allaahan garuu gargaarsa koo ture.20Inni iddoo balʼaatti na baase;waan natti gammadeefis na oolche.21“Rabbii Allaahan akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera;akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.22Ani karaa Rabbii Allaah eegeeraatii;Allaah koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.23Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira;anis ajaja isaa irraa hin jalʼanne.24Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture;cubbuu irraas of eeggadheera.25Rabbii Allaahan akkuma qajeelumma kootti,akkuma ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.26“Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta;nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata;27nama qulqulluutti qulqulluu taata;nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.28Ati warra gad of qaban ni oolchita;warra of tuulan immoo gad deebisuuf iji kee isaan ilaala.29Rabbii Allaah, ati ibsaa koo ti;Rabbii Allaahan dukkana koo ifatti ni geeddara.30Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema;Allaah kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.31“Allaah kana, karaan isaa mudaa hin qabu;dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu.Warra isatti kooluu galan hundaaf inni gaachana taʼa.32Rabbii Allaah malee Allaahan eenyu?Allaah keenya malees Kattaan eenyu?33Kan humna na hidhachiisu,kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Allaaha.34Inni miilla koo akka miilla borofaa godha;iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.35Inni harka koo waraanaaf leenjisa;irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.36Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;gargaarsi kees nama guddaa na godhe.37Akka koomeen koo hin mucucaanneef,miilla kootiif daandii balʼifteerta.38“Ani diinota koo ariʼee nan balleesse;hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.39Ani guutumaan guutuutti isaan nan barbadeesse;isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandaʼan;isaanis miilla koo jalatti ni kufan.40Ati lolaaf humna na hidhachiifte;amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.41Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta;anis amajaajota koo barbadeesseera.42Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre;gara Rabbii Allaahattis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.43Anis akkuma awwaara lafaatti isaan nan daake;bulleessees akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan dhidhiite.44“Ati lola namootaa jalaa na baafteerta;mataa sabootaa gootee na jiraachifteerta.Sabni ani hin beekne na tajaajila;45namoonni ormaa na sossobatan;isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.46Isaan hundi abdii kutatan;hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.47“Rabbii Allaahan jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu!Allaahan koo, Kattaan, Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!48Inni Allaah haaloo naa baasu,kan sabootas na jala galchu,49kan diinota koo jalaas bilisa na baasuu dha.Ati amajaajota kootii ol na goota;gooltota jalaas na baafte.50Kanaafuu yaa Rabbii Allaah, ani saboota gidduutti sin leellisa;zabuurii galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.51“Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna;dibamaa isaa Daawudii fi sanyii isaatiif,araara bara baraa ni argisiisa.”Biblica, Inc.