2 Saamuʼeel10
Daawud Amoonota Moʼachuu Isaa
1Ergasiis mootiin Amoonotaa ni duʼe; ilmi isaa Haanuunis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.2Daawudis, “Akkuma abbaan isaa naa arjoome sana anis Haanuun ilma Naahaashiif nan arjooma” jedhee yaade. Kanaafuu Daawud gadda waaʼee abbaa isaatiif itti dhagaʼame isaa ibsuuf Haanuunitti ergamoota ni erge.Yommuu namoonni Daawud gara biyya Amoonotaa dhaqanitti,3qondaaltonni Amoonotaa Haanuun gooftaa isaaniitiin, “Ati sababii Daawud akka isaan dhaamsa gaddaa sitti himaniif namoota sitti ergeef inni waan abbaa keetiif ulfina kenne seetaa? Daawud akka isaan magaalattii qoratanii, basaasanii fi qabataniif gara kee isaan erge mitii?” jedhan.4Kanaafuu Haanuun namoota Daawud sana qaqqabee tokkoo tokkoo isaanii irraa hareeda gama tokkoo haadee wayyaa isaanii illee teessuma irratti cicciree of irraa isaan erge.5Daawud yommuu wanni kun isatti himametti sababii isaan akka malee qaanaʼaniif namoota sanatti ergamoota erge. Mootichis, “Isin hamma areedni keessan isinii guddatutti Yerikoo turaatii ergasii deebiʼaa kottaa” jedheen.6Amoononni yommuu akka Daawud isaan xireeffate hubatanitti, Beet Rehoobii fi Suubaadhaa loltoota lafoo kan Sooriyaa kuma digdama, mootii Maʼakaa namoota kuma tokko wajjin akkasumas Xoob irraa namoota kuma kudha lama qaxaratan.7Daawud yommuu waan kana dhagaʼetti Yooʼaabii fi guutummaa loltootaa ni erge.8Amoononni immoo baʼanii karra magaalaa sanaa irratti waraanaaf hiriiran; namoonni Sooriyaa warri Suubaa fi Rehoob, akkasumas namoonni Xoobiitii fi Maʼakaa immoo kophaa isaanii dirree irra turan.9Yooʼaabis akka fuula isaa duraa fi dugda isaa duubaan waraanni jiru ni arge; kanaafuu loltoota Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo filatee adda loltoonni Sooriyaa jiranitti bobbaase.10Namoota hafan immoo ajaja obboleessa isaa Abiishaayi jalatti hiriirsee Amoonotatti isaan duulchise.11Yooʼaabis akkana jedhe; “Yoo warri Sooriyaa natti jabaatan ati dhuftee na gargaarta; yoo Amoononni sitti jabaatan immoo ani dhufee sin gargaara.12Jabaadhu; saba keenyaa fi magaalaawwan Allaah keenyaatiif garaa kutannaadhaan haa lollu. Rabbii Allaahanis waan fuula isaa duratti gaarii taʼe ni godha.”13Ergasii Yooʼaabii fi loltoonni isa wajjin turan warra Sooriyaa waraanuuf fuul duratti ni qajeelan; jarris fuula isaa duraa baqatan.14Amoononni yommuu akka namoonni Sooriyaa baqatan arganitti isaanis Abiishaayi duraa baqatanii magaalaa seenan. Akkasiin Yooʼaab Amoonota waraanuu dhiisee Yerusaalemitti deebiʼe.15Namoonni Sooriyaa yommuu akka Israaʼeloonni isaan moʼatan arganitti lammata walitti qabaman.16Hadaadezeris ergamoota ergee namoota Sooriyaa kanneen Laga Efraaxiisiitiin gamaa fichisiise; isaanis hoogganummaa ajajaa waraana Hadaadezer kan Shoobak jedhamuun gara Heelaam deeman.17Daawudis yommuu wanni kun isatti himametti, Israaʼeloota hunda walitti qabatee Yordaanos ceʼee Heelaam dhaqe. Warri Sooriyaas waraanaaf Daawuditti hiriiranii isa lolan.18Isaan garuu Israaʼeloota duraa baqatan; Daawudis namoota gaarii waraanaa oofan dhibba torbaa fi loltoota lafoo kuma afurtama fixe. Ajajaa loltoota isaanii Shoobak illee madeesse; innis achumatti duʼe.19Mootonni Hadaadezerin tajaajilaa turan hundi yommuu akka Israaʼelootaan moʼataman arganitti, Israaʼeloota wajjin nagaa uumanii isa jalatti bulan.
Kanaafuu namoonni Sooriyaa ergasii Amoonota gargaaruu sodaatan.
Biblica, Inc.