2 Mootota17
Hooseʼaa Mooticha Israaʼel Kan Dhumaa
1Bara Aahaaz mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudha lammaffaatti Hoosheeʼaa ilmi Eelaa Samaariyaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa sagal bulche.2Innis fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjete; garuu akka mootota Israaʼel kanneen isaan dura turan sanaa miti.3Shalmaneseer mootichi Asoor Hoosheeʼaa loluuf ol baʼe; Hooseʼaas garboomeefii gibira baaseef.4Mootiin Asoor garuu akka Hoosheeʼaa gantuu taʼe hubate; Hooseʼaan Siigoor mooticha Gibxitti jaarsa araaraa ergatee ergasii akka duraan wagguma waggaan baasaa ture sana mootii Asooriif gibira baasuu dhiise. Kanaafuu Silminaasoor isa qabee mana hidhaa keessa buuse.5Ergasiis mootichi Asoor guutummaa biyyattii weerare; Samaariyaattis duulee waggaa sadii marsee ishee qabate.6Bara mootummaa Hoosheeʼaa keessa waggaa saglaffaatti mootiin Asoor Samaariyaa qabatee Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geesse. Innis Halaa keessa, Goozaan keessa, cina Laga Haaboorii fi magaalaawwan Midiyaan keessa isaan qubachiise.Sabni Israaʼel Sababii Cubbuutiif Boojiʼame
7Wanni kun hundinuu sababii Israaʼeloonni Rabbii Allaah isaanii isa Gibxii humna Faraʼoon mooticha Gibxi jalaa isaan baase sanatti cubbuu hojjetaniif taʼe; isaan waaqeffatamtoota biraa waaqeffatanii8waan saboonni Rabbii Allaahan isaan duraa ariʼee baase sun hojjetan duukaa buʼanii barteewwan hamaa mootonni Israaʼel fidanii isaan barsiisan illee fudhatan.9Israaʼeloonni dhoksaadhaan waan qajeelaa hin taʼin Rabbii Allaah isaaniitti hojjetan. Isaan magaalaawwan isaanii hunda keessatti gamoo eegumsaatii jalqabanii hamma magaalaawwan dallaa jabaa qabaniitti iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaarratan.10Gaarran ol dhedheeroo hunda gubbaattii fi muka lalisaa hunda jalatti fakkiiwwanii fi siidaa Aasheeraa dhaabbatan.11Isaan akkuma saboonni Rabbii Allaahan fuula isaanii duraa ariʼee baase godhan sana iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa hunda irratti ixaana aarsan. Waan hamaa aariidhaaf Rabbii Allaah kakaasu illee ni hojjetan.12Rabbii Allaahanis, “Isin waan kana hin hojjetinaa” jedhu illee isaan waaqeffatamtoota tolfamoo waaqeffatan.13Rabbii Allaahan akkana jedhee karaa nabiiʼiyyootaatii fi ilaaltota isaa hundaatiin Israaʼelii fi Yihuudaa akeekkachiise; “Karaa keessan hamaa kana irraa deebiʼaa. Akkuma ajajawwan ani abbootii keessan ajaje hundaattii fi akkuma seera ani karaa garboota koo nabiiʼiyyootaatiin isiniif erge sanaatti ajajaa fi seera koo eegaa.”14Isaan immoo dhaggeeffachuu didanii akkuma abbootii isaanii kanneen Rabbii Allaah isaanii amanuu didan sanaa mataa jabaatan.15Isaan seeraa fi kakuu inni abbootii isaanii wajjin gale akkasumas akeekkachiisa inni isaaniif kenne illee fudhachuu didan. Isaan waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabne duukaa buʼanii isaanis faayidaa dhaban. Isaan utuma Rabbii Allaahan, “Waan jarri hojjetan hin hojjetinaa” jedhee isaan ajajuu saboota ollaa isaanii duukaa buʼanii waan Rabbii Allaahan hojjechuu isaan dhowwe ni hojjetan.16Isaan ajaja Rabbii Allaah isaanii hunda dhiisanii waaqeffatamtoota tolfamoo baqfamanii bifa jabbiitiin hojjetaman lamaa fi siidaa Aasheeraa tolfatan. Raayyaawwan shamaayʼun hundaaf sagadanii Baʼaalin illee waaqeffatan.17Ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban. Warra waa himu gorsa gaafatan; falfalas hojjetanii fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjechuutti dabarsanii of kennanii dheekkamsaaf isa kakaasan.18Kanaafuu Rabbii Allaahan akka malee Israaʼelitti dheekkamee fuula isaa duraa isaan buqqise. Gosa Yihuudaa qofatu hafe;19Yihuudaan iyyuu ajaja Rabbii Allaah isaanii hin eegne. Isaanis bartee Israaʼeloonni itti fidan duukaa buʼan;20kanaafuu Rabbii Allaahan saba Israaʼel hunda ni gate; inni isaan miidhee hamma fuula isaa duraa isaan dhabamsiisutti dabarsee harka saamtotaatti isaan kenne.21Gaafa inni mana Daawud irraa Israaʼel baqaqsetti isaan Yerobiʼaam ilma Nebaat sana mootii godhatan. Yerobiʼaamis akka Israaʼeloonni Rabbii Allaah irraa garagalanii cubbuu guddaa hojjetan godhe.22Israaʼeloonni cubbuu Yerobiʼaam hunda keessa jiraatan malee23hamma Rabbii Allaahan akkuma karaa garboota isaa nabiiʼiyyootaatiin akeekkachiise sanatti fuula isaa duraa isaan buqqisutti irraa hin deebine. Kanaafuu sabni Israaʼel biyya isaatii boojuudhaan fudhatamee Asooritti geeffame; hamma harʼaattis achuma jiraata.Asooronni Samaariyaa Keessa Qubatan
24Mootiin Asoor biyya Baabilonii, Kuutaadhaa, Awaadhaa, biyya Hamaatii fi Seefarwaayimii namoota fidee iddoo Israaʼelootaa buusuuf jedhee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiise. Isaanis Samaariyaa fudhatanii magaalaawwan ishee keessa ni jiraatan.25Isaan yeroo achi jiraachuu jalqabanitti Rabbii Allaah hin waaqeffanne; kanaafuu inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis isaan keessaa namoota muraasa galaafatan.26Mooticha Asoorittis akkana jedhanii himan; “Namoonni ati boojitee magaalaawwan Samaariyaa keessa qubachiifte sun waan Allaahan biyya sanaa fedhu hin beekan. Inni gidduu isaaniitti leencota erge; leenconnis sababii namoonni waan Allaahan sun fedhu hin beekiniif isaan fixan.”27Kana irratti mootiin Asoor, “Luboota boojitanii Samaariyaadhaa fiddan keessaa tokko akka inni deebiʼee achi jiraatee waan Allaahan biyya sanaa fedhu namoota barsiisuuf achi deebisaa” jedhee ajaja kenne.28Kanaafuu luboota Samaariyaadhaa boojiʼaman keessaa tokko Beetʼeel keessa jiraatee akka isaan itti Rabbii Allaah waaqeffatan barsiisuu dhufe.29Taʼus tokkoon tokkoon gosaa magaalaa keessa jiraatutti waaqeffatamtoota ofii isaa tolfatee iddoowwan sagadaa kanneen warri Samaariyaa gaarran irratti hojjetanii turan sana irra dhaabe.30Warri Baabilonii dhufan waaqeffatamaa tolfamaa Sukooti Banooti, warri Kuutaadhaa dhufan waaqeffatamaa tolfamaa Nergaal, warri Hamaatii dhufan immoo waaqeffatamaa tolfamaa Ashiimaa jedhamu ni tolfatan.31Awwiimonni waaqeffatamtoota tolfamoo Nibhaazii fi Tartaaq jedhaman tolfatan; Seefarwaayimoonni immoo waaqeffatamtoota tolfamoo Seefarwaayim kanneen Adramelekii fi Anaamelek jedhamaniif ijoollee isaanii aarsaa godhanii ibiddaan guban.32Isaan Rabbii Allaah waaqeffatan; garuu akka isaan iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti luboota taʼanii tajaajilaniif ofuma gidduudhaa namoota ni filatan.33Isaan Rabbii Allaah waaqeffatan; garuu akkuma bartee saboota keessaa fidaman sanaatti waaqeffatamtoota ofii isaanii tajaajilan.34Isaan hamma harʼaatti illee ittuma cichanii bartee isaanii kan qaraa sana keessa jiraatu. Isaan Rabbii Allaah hin waaqeffatan yookaan labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja Rabbii Allaahan sanyiiwwan Yaaʼikuub kan Israaʼel jedhee moggaase sanaaf kennes duukaa hin buʼan.35Rabbii Allaahan gaafa Israaʼeloota wajjin kakuu galetti akkana jedhee isaan ajaje: “Isin Allaah biraa tokko illee hin waaqeffatinaa yookaan hin sagadinaafii; isaan hin tajaajilinaa yookaan aarsaa isaaniif hin dhiʼeessinaa.36Garuu Rabbii Allaahan isin waaqeffachuu qabdan, isa humna jabaa fi irree diriirfameen Gibxii baasee isin fide sanaa dha. Isin isaaf sagaddanii aarsaa dhiʼeessuufii qabdu.37Isin yeroo hunda labsii fi qajeelfama, seeraa fi ajaja inni isinii barreesse sana of eeggannaadhaan eeguu qabdu. Waaqeffatamtoota biraa hin waaqeffatinaa.38Kakuu ani isin wajjin gale sana hin irraanfatinaa; waaqeffatamtoota biraa hin waaqeffatinaa.39Qooda kanaa Rabbii Allaah keessan waaqeffadhaa; kan harka diina keessan hundaa keessaa isin baasu isumaa.”40Taʼus isaan ittuma cichanii waanuma qaraa sana hojjetan malee isa hin dhageenye.41Yeroo namoonni kunneen Rabbii Allaah waaqeffachaa jiranitti illee isaan waaqeffatamtoota tolfamoo isaanii tajaajilaa turan. Hamma guyyaa harʼaatti illee ijoolleen isaaniitii fi ijoolleen ijoollee isaanii ittuma fufanii akkuma abbootiin isaanii hojjetan sana hojjechaa jiru.Biblica, Inc.