2 Mootota1
Murtii Rabbii Allaahan Ahaaziyaatti Mure
1Erga Ahaab duʼee booddee Moʼaab Israaʼelitti fincile.2Ahaaziyaanis qaawwa darbii mana isaa kan Samaariyaa keessaan kufee miidhamee ture. Kanaafuu inni, “Akka ani miidhaa kana irraa fayyuu fi fayyuu baachuu koo beekuuf dhaqaatii Baʼaal Zebuul waaqeffatamaa tolfamaa Eqroon sana naaf gaafadhaa” jedhee ergamoota erge.3Malaʼikkaan Rabbii Allaah garuu Iliyaas namicha gosa Tishbii sanaan akkana jedhe; “Kaʼiitii gara ergamoota mooticha Samaariyaa sanaatti ol baʼiitii akkana jedhii isaan gaafadhu; ‘Wanni isin Baʼaal Zebuul waaqeffatamaa tolfamaa Eqroon sana gorsa gaafachuu dhaqxaniif Israaʼel keessaa Allaahan dhabameetii?’4Kanaafuu Rabbii Allaahan, ‘Ati siree amma irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ jedha.” Kana irratti Iliyaas kaʼee deeme.5Mootichis yommuu ergamoonni gara isaatti deebiʼanitti, “Isin maaliif deebitan?” jedhee isaan gaafate.6Isaanis akkana jedhanii deebisan; “Namicha tokkotu karaatti nutti dhufee, ‘Gara mooticha isin erge sanaatti deebiʼaatii akkana jedhaanii’ nuun jedhe; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqeffatamaa tolfamaa Eqroon sana gorsa gaafachuuf namoota ergituuf Israaʼel keessaa Allaahan dhabameetii? Kanaafuu ati siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!’ ”7Mootichi, “Namichi karaatti isinitti dhufee waan kana isinitti hime sun nama akkamii ti?” jedhee isaan gaafate.8Isaanis, “Inni nama uffata rifeensa irraa hojjetame uffatee sabbata gogaa mudhii isaatti hidhatu tokkoo dha” jedhanii deebisaniif.Mootichis, “Inni Iliyaas namicha Tishbii sanaa dha” jedhe.9Kana irratti mootichi ajajaa waraanaa tokko namoota shantama wajjin Iliyaasitti erge. Ajajaan sunis fiixee gaara inni irra taaʼaa ture tokkootti Iliyaasitti ol baʼee, “Yaa nama Allaaha, mootichi ‘Gad kottu!’ siin jedha” jedheen.10Iliyaas immoo ajajaa sanaan, “Yoo ani nama Allaaha taʼe, ibiddi shamaayʼun irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantamman haa fixu!” jedhe. Ergasii ibiddi shamaayʼun irraa gad buʼee ajajaa sanaa fi namoota isaa hunda fixe.11Kana irratti mootichi amma illee ajajaa biraa namoota shantama wajjin Iliyaasitti erge. Ajajaan sunis, “Yaa nama Allaaha, mootichi, ‘Dafii gad buʼiitii kottu!’ siin jedha” jedheen.12Iliyaas garuu, “Yoo ani nama Allaaha taʼe, ibiddi shamaayʼun irraa gad buʼee siʼii fi namoota kee shantammanuu haa fixu!” jedhee deebiseef. Ibiddi Allaahas shamaayʼun irraa gad buʼee isaa fi namoota isaa shantammanuu ni fixe.13Kanaafuu mootichi ammas ajajaa sadaffaa namoota shantama wajjin ni erge. Ajajaan sadaffaan kun ol baʼee jilba ofii isaatiin Iliyaas duratti jilbeenfatee akkana jedhee isa ni kadhate; “Yaa nama Allaaha, maaloo lubbuun koo fi lubbuun garboota kee shantamman kanneenii gatii hin dhabin!14Kunoo, ibiddi shamaayʼun irraa gad buʼee ajajjuuwwan duraa lamaanii fi namoota isaanii hunda fixeera. Amma garuu lubbuun koo fuula kee duratti gatii haa qabaattu!”15Malaʼikkaan Rabbii Allaahas Iliyaasiin, “Isa wajjin gad buʼi; isa hin sodaatin” jedhe. Kanaafuu Iliyaas kaʼee isa wajjin gara mootichaatti gad buʼe.16Innis akkana jedhee mootichatti hime; “Rabbii Allaahan akkana jedha: Wanni ati Baʼaal Zebuul waaqeffatamaa tolfamaa Eqroon gorsa gaafachuudhaaf ergamoota ergiteef Israaʼel keessaa Allaahan gorsa gaafatamu dhabameetii? Ati sababii waan kana hojjetteef siree irra ciiftu kana irraa hin kaatu. Ati dhugumaan ni duuta!”17Kanaafuu inni akkuma dubbii Rabbii Allaah kan Iliyaas dubbate sanaatti duʼe.
Sababii Ahaaziyaan ilma hin qabneef obboleessi isaa Yehooraam iddoo isaa buʼee mootii taʼe; kunis bara Yehooraam ilmi Yehooshaafaax mootii Yihuudaa ture keessa waggaa lammaffaatti taʼe.18Wantoonni bara mootummaa Ahaaziyaa keessa hojjetaman kan biraa hundii fi wanti inni hojjete kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?
Biblica, Inc.