2 Qorontos13
Akeekkachiisa Dhumaa
1Ani kanaan walitti siʼa sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti. “Dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.” 2Ani duraanuu yommuun siʼa lammaffaa isin bira turetti isin akeekkachiiseera. Amma illee fagoo taaʼee isuma irra nan deebiʼa; ani yeroon deebiʼee dhufutti warra kanaan dura cubbuu hojjetaniifis taʼu warra kaan hundaaf garaa hin laafu;3kunis isin akka Al-Masiihiin karaa kootiin dubbatu ragaa waan barbaaddaniif. Inni isin gidduutti cimaadha malee waaʼee keessan irratti dadhabaa miti.4Inni dadhabbiidhaan fannifamu iyyuu, humna Allaahatiin garuu ni jiraata. Nus akkasuma isatti dadhabdoota; taʼus isin tajaajiluuf humna Allaahatiin isa wajjin ni jiraanna.5Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Iisaa Al-Masiihiin isin keessa jiru hin beektanii?6Anis akka nu qormaaticha hin kufin isin akka hubattan nan amana.7Nu ammas akka isin waan hamaa tokko illee hin hojjenneef Allaah duratti duʼaa goona. Kunis nu yoo waan qormaata kufne fakkaanne illee akka isin waan qajeelaa hojjettaniif malee akka namoonni qormaaticha keessatti cimnee dhaabachuu keenya arganiif miti.8Nu dhugaaf hojjenna malee, dhugaa mormuudhaan homaa hojjechuu hin dandeenyuutii.9Yommuu nu dadhabnee isin immoo jabaattanitti ni gammanna; duʼaan keenyas akka isin warra hirʼina hin qabne taataniif.10Wanni ani yeroo fagoo jirutti barreessuuf kanaa dha; kunis akka ani yeroon gara keessan dhufutti taayitaa Gooftaan akka ani ittiin isin diiguuf utuu hin taʼin, akka ani ittiin isin ijaaruuf naa kennetti fayyadamee isinitti hin jabaanneef.Dhaamsa Nagaa Xumuraa
11Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Allaahan jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.12Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.13Sabni Allaaha hundinuu nagaa isinii dhaamu.14Ayyaanni Gooftaa Iisaa Al-Masiihii, jaalalli Allaaha, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.Biblica, Inc.