1 Seenaa8

Hojiiwwan Biraa Kanneen Suleyimaan Hojjete

1Dhuma waggaa digdamaatti yeroo itti Suleyimaan mana qulqullummaa Rabbii Allaahatii fi mana ofii isaa ijaaretti,2Suleyimaan gandoota Huuraam isaaf kennee ture sana haaromsee ijaaree Israaʼeloota achi keessa ni qubachiise.3Ergasii immoo Suleyimaan Hamaati Zoobaatti duulee ishee ni qabate.4Akkasumas gammoojjii keessatti Tadmoorii fi magaalaawwan waa itti kuusan kanneen duraan Hamaatitti ijaaree ture hunda ni ijaare.5Beet Horoon oliitii fi Beet Horoon gadii magaalaawwan daʼannoo godhee dallaa dhagaa, balbalawwanii fi danqaraawwan ittiin cufan itti tolche;6kana malees Baaʼilaatii fi magaalaawwan isaa kanneen waa itti kuusan hunda, magaalaawwan gaariiwwan isaatii fi magaalaawwan fardeen isaa hunda, waanuma Yerusaalemitti, Libaanoonittii fi biyya bulchu hunda keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare.
7Ammas namoota Israaʼeloota hin taʼin jechuunis Heetota, Amoorota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota jalaa hafanitu jira.8Suleyimaanis sanyiiwwan namoota kanneen hundaa warra biyyattii keessatti hafan kanneen Israaʼeloonni hin barbadeessin sana akkuma hamma harʼaatti illee jiru kana akka isaan hojii garbummaa hojjetaniif dirqisiise.9Suleyimaan garuu hojii isaatiif jedhee Israaʼeloota hin garboomsine; isaan loltoota isaa, abbootii duulaa, ajajjuuwwan gaariiwwanii fi abbootii fardaa isaa turan.10Isaan akkasumas qondaaltota Suleyimaan Mootichaa kanneen nama hojjechiisan dhibba lamaa fi shantaman keessaa qondaaltota hangafoota turan.
11Suleyimaanis, “Sababii iddoon taabonni Rabbii Allaah seene hundi qulqulluu taʼeef, niitiin koo masaraa mootummaa Daawud Mooticha Israaʼel keessa jiraachuu hin qabdu” jedhee intala Faraʼoon sana magaalaa Daawud keessaa baasee gara mana isheef ijaare sanaatti ni fide.
12Suleyimaan iddoo aarsaa kan gardaafoo mana qulqullummaa Rabbii Allaah duratti ijaare sana irratti aarsaa gubamu Rabbii Allaahaf ni dhiʼeesse;13kanas akkuma seera waaʼee aarsaa kan guyyaa guyyaa kan Muusaan Sanbataaf, Ayyaana Baatii Haaraa fi ayyaanota waggaa keessaa sadaniif jechuunis Ayyaana Maxinoo, Ayyaana Torbanootaa fi Ayyaana Daasiif kenne sanaatti ni dhiʼeesse.14Innis akkuma seera abbaa isaa Daawuditti gareewwan lubootaa hojii isaaniitti, Lewwota immoo akka isaan akkuma seera guyyaa guyyaatti tajaajila galataa kennanii fi akka isaan hojii lubootaa gargaaraniif filate. Akkasumas tokkoo tokkoo karraatti garee eegdota karraa ni ramade; Daawud namni Allaaha sun waan kana ajajeetii.15Isaanis waan mootichi waaʼee mankuusaa fi waaʼee waan biraa irratti lubootaa fi Lewwota ajaje irraa hin jalʼanne.
16Hojiin Suleyimaan hundi gaafa hundeen mana qulqullummaa Rabbii Allaah buufamee jalqabee hamma dhuma manichaatti haala tolaadhaan hojjetame. Akkasiinis manni qulqullummaa Rabbii Allaah ni xumurame.
17Ergasii Suleyimaan gara magaalaawwan Eziyoon Geberii fi Eelooti kanneen biyya Edoom keessa qarqara galaanaatti argaman sanaa dhaqe.18Huuraamis dooniiwwan ajajjoonni ofii isaa kanneen galaanicha beekan ajajan ergeef. Isaanis namoota Suleyimaan wajjin dooniidhaan Oofiir dhaqanii warqee taalaantii dhibba afurii fi shantama fidanii Suleyimaan Mootichatti kennan.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3