1 Seenaa11

1Rehooboʼaam yommuu Yerusaalem gaʼetti akka isaan Israaʼelitti duulanii Rehooboʼaamiif mootummaa deebisaniif jedhee mana Yihuudaa fi Biniyaam keessaa namoota loluu dandaʼan kuma dhibba tokkoo fi saddeettama walitti qabe.
2Garuu dubbiin Rabbii Allaah kun akkana jedhee gara nama Allaaha gara Shemaaʼiyaa ni dhufe;3“Rehooboʼaam ilma Suleyimaan mooticha Yihuudaatii fi Israaʼeloota Yihuudaa fi Biniyaam keessa jiraatan hundaan akkana jedhi;4‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Obboloota keessan Israaʼeloota loluudhaaf jettanii ol hin baʼinaa. Sababii wanni kun ana biraa dhufeef tokkoon tokkoon keessan gara mana keessaniitti galaa.’ ” Kanaafuu isaan dubbii Rabbii Allaahatiif ajajamanii Yerobiʼaamitti duuluu dhiisanii deebiʼan.

Rehooboʼaam Magaalaawwan Yihuudaa Jabeessee Ijaare

5Rehooboʼaam Yerusaalem keessa jiraatee Yihuudaa keessatti immoo magaalaawwan ittisaa ni ijaarrate; isaanis:6Beetlihem, Eexaam, Teqooʼaa,7Beet Zuuri, Sookoo, Adulaam,8Gaati, Maareeshaa, Ziif,9Adooraayim, Laakkiish, Azeeqaa,10Zoraa, Ayaaloonii fi Kebrooni. Isaan kunneen magaalaawwan Yihuudaa fi Biniyaam keessatti jabeeffamanii ijaaramanii dha.11Innis ittisa isaanii jajjabeessee ajajjoota itti galche; nyaata, zayitii ejersaatii fi daadhii wayiniis achitti ni kuuse.12Magaalaawwan hunda keessas gaachanaa fi eeboo kaaʼee akka isaan jabaatan ni godhe. Akkasiinis Yihuudaa fi Biniyaamin kan ofii isaa godhate.
13Luboonnii fi Lewwonni aanaalee Israaʼel hunda keessa jiraatan gara isaa goran.14Sababii Yerobiʼaamii fi ilmaan isaa akka luboota Rabbii Allaahatti isaan ilaaluu didaniif, Lewwonni lafa dheeda isaanii fi qabeenya isaanii dhiisanii gara Yihuudaa fi Yerusaalem dhufan.15Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatii fi fakkii waaqeffatamtoota tolfamoo bifa reʼee fi bifa jabbiitiin hojjete sanaaf luboota ofii isaa ni muuddate.16Warri gosoota Israaʼel hunda keessaa garaan isaanii Rabbii Allaah Israaʼel bira jiru Rabbii Allaah abbootii isaaniitiif aarsaa dhiʼeessuudhaaf Lewwota duukaa buʼanii Yerusaalem dhaqan.17Isaanis mootummaa Yihuudaa jajjabeessaa waggaa sadii Rehooboʼaam ilma Suleyimaan ni gargaaran; isaan waggoota sadan kana keessa karaa Daawudii fi Suleyimaan duukaa buʼaa turaniitii.

Maatii Rehooboʼaam

18Rehooboʼaamis Maahalaati intala Yeriimooti ilma Daawudii fi Abiihaayil fuudhe; Abiihaayil kun immoo intala Eliiyaab ilma Isseey.19Isheenis: Yeʼuushi, Shemaariyaa fi Zahaam deesseef.20Ergasii immoo Maʼakaa intala Abesaaloom ni fuudhe; isheenis Abiyaa, Ataayi, Ziizaa fi Sheloomiit deesseef.21Rehooboʼaamis niitotaa isaa kaanii fi saajjatoowwan isaa caalaa Maʼakaa intala Abesaaloom ni jaallate. Innis walumatti niitota kudha saddeet, saajjatoowwan jaatama, ilmaan digdamii saddeetii fi intallan jaatama qaba ture.
22Rehooboʼaamis mootii isa gochuuf jedhee Abiyaa ilma Maʼakaa sana obboloota isaa ilmaan mootii keessaa hoogganaa godhee muude.23Innis ogummaan ilmaan isaa keessaa tokko tokko aanaalee Yihuudaa fi Biniyaam keessa, gara magaalaawwan jabeeffamanii ijaaraman hundaatti ni erge. Ilmaan isaaf nyaata isaan gaʼu kennee niitota baayʼee illee isaan ni fuusise.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3