1 Seenaa1
Suleyimaan Ogummaa Kadhate
1Sababii Rabbii Allaahan isaa isa wajjin turee fi sababii inni akka malee guddaa isa godheef Suleyimaan ilmi Daawud jabaatee mootummaa isaa irra bule.2Ergasiis Suleyimaan Israaʼeloota hundatti, ajajjoota kumaatti, ajajjoota dhibbaatti, abbootii murtiitti, hooggantoota Israaʼel hundattii fi hangafoota abbootiitti dubbate;3sababii dunkaanni wal gaʼii kan Allaaha inni Muusaan garbichi Rabbii Allaah sun gammoojjii keessatti hojjete achi tureef Suleyimaanii fi yaaʼiin guutuun gara iddoo sagadaa kan gaara irraa kan Gibeʼoon jiru sanaa ni dhaqan.4Daawudis taabota Allaaha Kiriyaati Yeʼaariimii gara iddoo qopheesseef sanaatti ni fide; inni Yerusaalem keessatti dunkaana dhaabeefii tureetii.5Garuu iddoon aarsaa kan Bezaliʼeel ilmi Uuri, ilmi Huuri naasii irraa hojjete sun fuula dunkaana qulqulluu Rabbii Allaah sanaa dura ture; kanaafuu Suleyimaanii fi yaaʼiin sun achitti Allaah kadhatan.6Suleyimaanis gara iddoo aarsaa kan naasii irraa hojjetamee dunkaana wal gaʼii keessa fuula Rabbii Allaah dura jiru sanaatti ol baʼee aarsaa gubamu 1,000 achi irratti ni dhiʼeesse.7Allaahanis halkan sana Suleyimaanitti mulʼatee, “Waan akka ani siif kennu feetu kam iyyuu na kadhadhu” jedheen.8Suleyimaan immoo akkana jedhee Allaahaf deebise; “Ati abbaa koo Daawudiif arjummaa guddaa goote; anas iddoo isaa buuftee mootii gooteerta.9Egaa yaa Rabbii Allaah, yaa Allaah, abdiin ati abbaa koo Daawudiif kennite sun fiixaan haa baʼu; ati saba akka biyyoo lafaa baayʼatu irratti mootii na gooteertaatii.10Akka ani saba kana hoogganuuf ogummaa fi beekumsa naaf kenni. Yoo akkas taʼuu baate eenyutu saba kee guddaa kana bulchuu dandaʼa?”11Allaahanis Suleyimaaniin akkana jedhe; “Sababii wanni kun fedhii garaa keetii taʼee atis qabeenya, badhaadhummaa yookaan ulfina yookaan akka diinonni kee dhuman hin kadhatinii fi sababii ati bara dheeraa jiraachuuf utuu hin taʼin saba koo kan ani irratti mootii si godhe bulchuuf jettee ogummaa fi beekumsa kadhatteef,12ogummaa fi beekumsi siif ni kennama. Ani qabeenya, badhaadhummaa fi ulfina mootonni si duraan turan tokko iyyuu takkumaa hin qabaatin yookaan kan mootonni siin duubaa tokko iyyuu hin qabaanne siifin kenna.”13Suleyimaan ergasii iddoo sagadaa kan Gibeʼoon keessaa sanaa, fuula dunkaana wal gaʼii duraa kaʼee Yerusaalem dhaqe. Innis Israaʼel irratti mootii taʼe.14Suleyimaanis gaariiwwanii fi fardeen walitti ni kuufate; innis gaariiwwan kuma tokkoo fi dhibba afurii fi fardeen kuma kudha lama qaba ture; isaan kanneenis magaalaawwan gaariiwwanii keessaa fi Yerusaalem keessa of bira ni kaaʼate.15Mootichi akka meetii fi warqeen Yerusaalem keessatti akkuma dhagaa baayʼatu, akka mukni birbirsaas akkuma mukkeen harbuu kanneen gaarran jalaatti baayʼatu ni godhe.16Fardeen Suleyimaan Gibxii fi Qaweedhaa fidaman; daldaltoota mootummaatu Qaweedhaa gatii yerootiin isaan bite.17Isaanis gaarii tokko meetii saqilii dhibba jaʼaan, farda immoo meetii saqilii dhibba tokkoo fi shantamaan Gibxii bitanii fidan. Akkasumas gaariiwwanii fi fardeen kanneen erganii mootota Heetotaatii fi mootota Sooriyaa hundatti gurguru turan.Biblica, Inc.