1 Tasaloniiqee1

Nagaa Gaafachuu

1Phaawulos, Silwaanosii fi Xiimotewos irraa,
Gara waldaa kiristaanaa warra Tasaloniiqee kan Allaah Abbaatii fi kan Goofticha Iisaa Al-Masiihii taateetti:
Ayyaanni isiniif haa taʼu. Assalaam aleeyikum.

Amantii Warra Tasaloniiqeetiif Galateeffachuu

2Nu duʼaa keenya keessatti maqaa keessan dhoofnee yeroo hunda waaʼee hunda keessaniitiif Allaah ni galateeffanna.3Nu hojii amantii keessanii, dadhabbii jaalala keessanii fi obsa abdii keessanii kan Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiitti qabdan sana Allaah keenyaa fi Abbaa keenya duratti ittuma fufnee ni yaadanna.
4Yaa obboloota Allaahan jaallatamtan, nu akka inni isin filate beeknaatii;5injiilli keenya humnaan, Hafuura Qulqulluu fi amansiisa guddaan malee dubbii afaanii qofaan gara keessan hin dhufneetii. Nu isiniif jennee akkamitti akka isin gidduu jiraanne ni beektu.6Isinis fakkeenya keenyaa fi fakkeenya Gooftaa duukaa buutaniirtu; utuma dhiphina guddaa keessa jirtanuus gammachuu Hafuurri Qulqulluun isinii kennuun dubbicha fudhattaniirtu.7Kanaanis amantoota Maqedooniyaa fi Akaayaa jiran hundaaf fakkeenya taatanii jirtan.8Dubbiin Gooftaa isin biraa baʼee Maqedooniyaa fi Akaayaa qofatti hin dhagaʼamne; amantiin isin Allaahatti qabdanis lafa hunda gaʼeera. Kanaafuu waaʼee isaa homaa dubbachuu nu hin barbaachisu;9isin simannaa akkamii akka nuu gootan isaanuu ni dubbatuutii. Isaan akkamitti akka isin Allaah jiraataa fi Allaah dhugaa tajaajiluuf jettanii waaqeffatamtoota tolfamoo irraa gara Allaahatti deebitanis ni himu;10akkasumas Ilma isaa isa inni warra duʼan keessaa kaase jechuunis Iisaa isa dheekkamsa dhufu jalaa nu baasu sana akka shamaayʼun irraa eeggattan ni himu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3