1 Mootota16

1Ergasiis dubbiin Rabbii Allaah Baʼishaaniin mormuudhaan akkana jedhee gara Yehuu gara ilma Hanaanii dhufe:2“Ani awwaara keessaa si kaaseen bulchaa saba koo Israaʼel si godhe; ati garuu karaa Yerobiʼaam deemtee saba koo Israaʼelin cubbuu hojjechiiftee akka isaan cubbuu isaaniitiin dheekkamsaaf na kakaasan goote.3Kanaafuu ani Baʼishaanii fi mana isaa nan barbadeessa; mana kee illee akkuma mana Yerobiʼaam ilma Nebaat sanaa nan godha.4Namoota Baʼishaan kanneen magaalaa keessatti dhuman sareetu nyaata; kanneen baadiyyaatti dhuman immoo allaattii shamaayʼuniitu nyaata.”
5Wantoonni biraa kanneen bara mootummaa Baʼishaan keessa hojjetaman, wanni inni hojjetee fi jabinni isaa kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?6Baʼishaan abbootii ofii wajjin boqotee Tiirzaa keessatti qabbarame. Ilmi isaa Eelaan iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
7Sababii inni akkuma mana Yerobiʼaam taʼuudhaan hojii harka isaatiin Allaah dheekkamsaaf kakaasee Yerobiʼaaminis ajjeesuudhaan hammina fuula Rabbii Allaah duratti hojjete hundaaf dubbiin Rabbii Allaah karaa Yehuu nabiiʼiyyichaa ilma Hanaaniin gara Baʼishaanii fi mana isaa dhufe.

Eelaa Mooticha Israaʼel

8Bara Aasaan mootichi Yihuudaa mootii taʼe keessa waggaa digdamii jaʼaffaatti Eelaan ilmi Baʼishaan Tiirzaa keessatti mootii Israaʼel taʼee waggaa lama bulche.
9Garuu qondaaltota isaa keessaa namichi Zimrii jedhamu kan gaariiwwan isaa keessaa walakkaa ajaju tokko isatti malate. Yeroo sanatti Eelaan Tiirzaa keessatti mana Arzaa namicha bulchaa masaraa mootummaa kan Tiirzaa keessaa sanaatti dhugee machaaʼaa ture.10Zimriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessaa waggaa digdamii torbaffaatti ol seenee Eelaa dhaʼee ajjeese. Iddoo isaas buʼee mootii taʼe.
11Innis akkuma mootii taʼee teessoo irra taaʼeen maatii Baʼishaan hunda fixe. Fira isaa yookaan michuu isaa keessaa dhiira tokko illee hin hambifneef.12Akkasiin Zimriin akkuma dubbii Rabbii Allaah kan Baʼishaaniin mormuudhaan karaa Yehuu nabiiʼiyyichaatiin dubbatame sanaatti maatii Baʼishaan hunda barbadeesse;13kunis sababii cubbuu Baʼishaanii fi ilmi isaa Eelaan hojjetanii akka Israaʼeloonnis hojjetan gochuudhaan waaqeffatamtoota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Rabbii Allaah Israaʼel dheekkamsaaf kakaasaniif taʼe.
14Wantoonni bara mootummaa Eelaa keessa hojjetaman kanneen biraatii fi wanni inni hojjete hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?

Zamrii Mooticha Israaʼel

15Zimriin bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa digdamii torbaffaatti Tiirzaa keessatti mootii taʼee bultii torba bulche. Loltoonnis Gibetoon magaalaa Filisxeemotaa bira qubatan.16Israaʼeloonni qubata keessa turanis yommuu akka Zimriin mootichatti kaʼee isa ajjeese dhagaʼanitti gaafasuma qubata sana keessatti Omrii ajajaa loltootaa sana mootii Israaʼel taasisan.17Omrii fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Gibetoon keessaa baʼanii Tiirzaa marsan.18Zimriinis yommuu akka magaalaan sun qabame argetti dallaa masaraa mootummaa seenee masaraa mootummaa of irratti gubee duʼe.19Wanni kunis sababii inni fuula Rabbii Allaah duratti hammina hojjechuu fi karaa Yerobiʼaam irra deemuudhaan cubbuu Yerobiʼaam hojjetee Israaʼelootas hojjechiise sana hojjeteef taʼe.
20Wantoonni Zimriin bara mootummaa isaa keessa hojjete biraatii fi fincilli inni kaase kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?

Zanbarii Mooticha Israaʼel

21Ergasii sabni Israaʼel garee lamatti qoodame; gareen tokko Tiibnii ilma Giinat mootii godhachuuf isa duukaa buʼe; gareen kaan immoo Omrii duukaa buʼe.22Garuu duukaa buutonni Omrii duuka buutota Tiibnii ilma Giinat sana caalaa jabaatan. Kanaafuu Taamniin duʼee Omriin mootii taʼe.
23Omriinis bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii tokkoffaatti mootii Israaʼel taʼee waggaa kudha lama bulche; waggoota kanneen keessaa waggaa jaʼa Tiirzaa keessa taaʼee bulche.24Innis namicha Shemeer jedhamu irraa meetii taalaantii lamaan gaara Samaariyaa bitee magaalaa tokko gaara sana irratti ijaare; magaalaa sanas Samaariyaa jedhee maqaa Saamir abbaa gaara sanaa kan duriitiin moggaase.
25Omriin garuu fuula Rabbii Allaah duratti hammina hojjetee namoota isa duraan turan hunda caalaa cubbame.26Innis karaa Yerobiʼaam ilma Nebaat hunda irra deemee cubbuu Yerobiʼaam hojjetee saba Israaʼelis hojjechiisee akka isaan waaqeffatamtoota isaanii tolfamoo kanneen faayidaa hin qabneen Rabbii Allaah, Allaah Israaʼel aariif kakaasan godhe.
27Wantoonni bara mootummaa Omrii keessa hojjetaman kaan, wanni inni hojjetee fi jabinni inni argisiise kitaaba seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffamaniiru mitii?28Omriin abbootii ofii isaa wajjin boqotee Samaariyaatti qabbarame. Ahaab ilmi isaa iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Ahaab Mootii Israaʼel Taʼe

29Ahaab ilmi Omrii bara mootummaa Aasaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa soddomii saddeettaffaatti mootii Israaʼel taʼee Samaariyaa taaʼee waggaa digdamii lama bulche.30Ahaab ilmi Omrii warra isa duraan turan kam iyyuu caalaa fuula Rabbii Allaah duratti hammina hojjete.31Innis cubbuu Yerobiʼaam ilmi Nebaat hojjete sana hojjechuu akka waan salphaa tokkootti ilaaluu bira darbee Iizaabel intala Etebaʼaal mooticha Siidoonotaa fuudhe; dhaqees Baʼaalin tajaajiluu fi waaqeffachuu jalqabe.32Innis mana Baʼaal itti waaqeffatamu tokko Samaariyaatti ijaaree iddoo aarsaa tokko achi keessa dhaabe.33Ahaab ammas siidaa Aasheeraa dhaabee waan mootonni Israaʼel kanneen isa duraan turan hundi hojjetan caalaa hojjetee Rabbii Allaah, Allaah Israaʼel aariif kakaase.
34Bara Ahaab keessa Hiiʼeel namichi Beetʼeel tokko Yerikoo deebisee ijaare. Akkuma dubbii Rabbii Allaah kan karaa Yushuʼaa ilma Nuunitiin dubbatame sanaatti gaafa inni hundeewwan Yerikoo buusetti Abiiraam ilma isaa hangafatu duʼe; gaafa inni karrawwan isaa dhaabetti immoo Seguub ilma isaa quxisuu hundaatu duʼe.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3