1 Yohannis3

1Nu akka ijoollee Allaaha jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.2Yaa michoota jaallatamoo, nu amma ijoollee Allaaha ti; gara fuula duraatti immoo maal akka taanu amma hin ibsamne. Garuu yommuu inni mulʼatutti sababii akkuma inni jirutti isa arginuuf nu akkuma isaa akka taanu ni beekna.3Namni akkasitti isa abdatu hundinuu akkuma inni qulqulluu taʼe sana of qulqulleessa.
4Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu seeratti ni fincila; cubbuun finciluudhaatii.5Isin garuu akka inni cubbuu keenya balleessuudhaaf mulʼate ni beektu. Isa keessa cubbuun hin jiru.6Namni isaan jiraatu kam iyyuu cubbuu hin hojjetu. Namni cubbuu hojjetu kam iyyuu isa hin argine yookaan isa hin beekne.
7Yaa ijoolle, namni tokko iyyuu isin hin gowwoomsin. Akkuma inni qajeelaa taʼe sana namni waan qajeelaa hojjetus qajeelaa dha.8Namni cubbuu hojjetu kan ibliis; ibliis jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Allaaha hojii ibliis diiguudhaaf mulʼateetii.9Namni Allaah irraa dhalate kam iyyuu waan sanyiin Allaaha isa keessa jiraatuuf cubbuu hojjechuutti hin fufu; inni waan Allaah irraa dhalateef cubbuu hojjechuu hin dandaʼu.10Ijoolleen Allaahatii fi ijoolleen ibliis kanaan gargar baafamanii beekamu: Namni waan qajeelaa hin hojjenne yookaan obboleessa isaa hin jaallanne kam iyyuu kan Allaaha miti.

Waaʼee Jaalalaa fi Jibbaa

11Ergaan isin jalqabaa kaaftanii dhageessan isa, “Nu wal jaallachuu qabna” jedhuu dha.12Isin akka Qaabiil isa kan isa hamaa sanaa taʼee obboleessa isaa ajjeese sanaa hin taʼinaa; inni maaliif obboleessa isaa ajjeese? Sababii hojiin isaa jalʼaa taʼee, kan obboleessa isaa immoo qajeelaa taʼeef.13Yaa obboloota ko, yoo addunyaan isin jibbe isin hin dinqin.14Nu sababii obboloota jaallannuuf duʼa keessaa gara jireenyaatti akka ceene ni beekna. Namni obboleessa isaa hin jaallanne duʼa keessa jiraata.15Namni obboleessa isaa jibbu kam iyyuu nama nama ajjeesuu dha; isinis akka namni nama ajjeesu jireenya bara baraa of keessaa hin qabne beektu.
16Iisaa Al-Masiihiin lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.17Namni qabeenya addunyaa qabu kam iyyuu yoo obboleessa isaa rakkataa argee garaa itti jabaate jaalalli Allaaha akkamitti isa keessa jiraachuu dandaʼa?18Yaa ijoollee jaallatamoo, kottaa dubbiin yookaan afaan qofaan utuu hin taʼin hojii fi dhugaadhaan jaallannaa.
19Nus kan dhugaa taʼuu keenya kanaan beekna; fuula isaa durattis garaa keenya boqochiifna.20Yeroo garaan keenya nutti murutti Allaahan garaa keenya caalaa guddaa akka taʼe ni beeknaatii; inni waan hunda ni beeka.21Yaa michoota, yoo garaan keenya nutti muruu baate nu fuula Allaaha duratti ija jabina qabna.22Nus sababii ajaja isaa eegnuu fi sababii waan isa gammachiisu hojjennuuf waan kadhannu hunda isa irraa ni arganna.23Ajajni isaas kana: kunis nu maqaa Ilma isaa Iisaa Al-Masiihitti akka amannuu fi akkuma inni nu ajajetti akka wal jaallannuuf.24Namni ajaja isaa eegu isa keessa jiraata; innis isa keessa jiraata. Kanaanis akka inni nu keessa jiraatu nu Hafuura inni nuu kenneen ni beekna.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3