1 Seenaa23
Lewwota
1Daawud erga waggaa hedduu jiraatee dulloomee booddee ilma isaa Suleyimaanin Israaʼel irratti mootii godhe.2Akkasumas Daawud dura buutota Israaʼel hunda, lubootaa fi Lewwota illee walitti qabe.3Lewwonni umuriin isaanii waggaa soddomaa fi hammasii olii ni lakkaaʼaman; baayʼinni dhiirotaa kuma soddomii saddeet taʼe.4Daawudis akkana jedhe; “Isaan kanneen keessaa kuma digdamii afur hojii mana qulqullummaa Rabbii Allaah haa toʼatan; namoonni kuma jaʼa qondaaltotaa fi abbootii murtii haa taʼan.5Kumni afur eegdota balbalaa haa taʼan; kumni afur immoo miʼoota faarfannaa kanneen ani kaayyoo kanaaf kenneen Rabbii Allaah haa galateeffatan.”6Daawudis Lewwota akkuma gosoota Lewwiitti garee gareen gargar ni qoode; isaanis: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.Geershoonota
7Gosa Geershoon keessaa: Laʼadaanii fi Shimeʼii.8Ilmaan Laʼadaanii: Yehiiʼeel hangafticha, Zeetaamii fi Yooʼeel; walumatti nama sadii turan.9Ilmaan Shimeʼii: Sheloomot, Haziiʼeelii fi Haaraan; walumatti nama sadii turan. Isaan kunneen hangafoota Maatii Laʼadaan turan.10Ilmaan Shimeʼii: Yahaati, Ziinaa, Yeʼuushii fi Beriiyaa. Isaan kunneen ilmaan Shimeʼii ti; walumatti nama afur turan.11Yahaati hangafa; Ziinaan lammaffaa; Yeʼuushii fi Beriiyaan garuu ilmaan baayʼee hin qaban; kanaafuu isaan akkuma maatii tokkootti lakkaaʼaman.Qohaatota
12Ilmaan Qohaatii: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel; walumatti nama afur turan.13Ilmaan Amraam: Haaruunii fi Muusaa. Haaruun akka innii fi sanyiin isaa wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼan Allaahaf qulqulleessaniif, akka fuula Rabbii Allaah duratti aarsaa dhiʼeessaniif, akka fuula isaa dura tajaajilanii fi akka maqaa isaatiin eebba labsaniif bara baraan addaan baafaman.14Ilmaan Muusaa nama Allaaha immoo gosa Lewwiitti dabalamanii lakkaaʼaman.15Ilmaan Muusaa: Geershoomii fi Eliiʼezer.16Ilmaan Geershoomii: Shebuuʼeel hangafa.17Ilmaan Eliiʼezerii keessaa: Rehaabiyaa hangafa. Eleʼaazaar ilmaan biraa hin qabu ture; ilmaan Rehaabiyaa garuu akka malee hedduu turan.18Ilmaan Yizihaar keessaa: Sheloomiit hangafta.19Ilmaan Kebroon; hangaftichi Yeriyaa, lammaffaan Amariyaa, sadaffaan Yahiziiʼeel, afuraffaan Yeqameʼaam.20Ilmaan Uziiʼeel: hangaftichi Miikaa, lammaffaan Yishiyaa.Meraarota
21Ilmaan Meraarii: Mahilii fi Muusii. Ilmaan Mahilii: Eleʼaazaarii fi Qiis22Eleʼaazaar utuu ilmaan hin dhalchin duʼe; inni intallan qofa qaba ture. Durbiiwwan isaanii ilmaan Qiistu isaan fuudhe.23Ilmaan Muusii: Mahelii, Eederii fi Yereemooti; walumatti nama sadii turan.24Isaan kunneen ilmaan Lewwii kanneen akkuma mana abbootii isaaniitti hangafoonni abbootii warri maqaa maqaadhaan galmeeffamanii tokko tokkoon lakkaaʼaman, hojjettoota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼe warra mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessa tajaajilanii dha.25Daawud akkana jedhee tureetii; “Rabbii Allaah Allaahan Israaʼel saba isaatiif boqonnaa kenneera; bara baraanis Yerusaalem keessa ni jiraata;26siʼachi Lewwonni dunkaana yookaan miʼoota achi keessatti itti fayyadaman hin baatan.”27Akkuma qajeelcha Daawud dhuma irratti kenneetti, Lewwonni waggaa digdamaa fi sanaa olii hedamaniiruutii.28Hojiin Lewwotaas tajaajila mana qulqullummaa Allaaha keessatti sanyiiwwan Haaruunii gargaaruu dha; kunis oobdiiwwanii fi kutaawwan mana qulqullummaa eeguu, miʼoota qulqulluu qulqulleessuu fi hojiiwwan biraas mana Rabbii Allaah keessatti hojjechuu dha.29Akkasumas buddeena minjaala irra kaaʼuu, daakuu kennaa midhaanii, buddeena utuu hin bukaaʼin tolfame, tolchuu fi waliin makuu, safartuu fi madaalii hunda irratti itti gaafatamtoota turan.30Isaan guyyaa guyyaadhaan Rabbii Allaah galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganama fuula isaa dura ni dhaabatu; galgala galgalas akkasuma ni godhu;31yeroo aarsaan gubamu guyyaa Sanbataa Rabbii Allaahaf dhiʼeeffamutti yeroo Ayyaana Baatii Haaraa fi gaafa ayyaana yeroon isaa murtaaʼe kamii iyyuu akkanuma ni godhu. Isaan yeroo hunda akkuma lakkoobsaa fi qajeelfama isaanii kennameetti fuula Rabbii Allaah dura tajaajilu ture.32Lewwonni akkasiin itti gaafatama dunkaana wal gaʼii fi Iddoo Qulqulluu eeguuf qaban raawwatan; akkasumas ajaja obboloota isaanii sanyiiwwan Haaruun jalatti itti gaafatamummaa mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti qaban raawwachaa turan.Biblica, Inc.