1 Seenaa18
Moʼannoowwan Daawud
1Ergasii Daawud Filisxeemota moʼatee of jala isaan galfate; Gaatii fi gandoota naannoo ishee jiranis harka Filisxeemotaatii baase.2Daawud Moʼaabotas ni moʼate; isaanis isa jalatti bulanii gibira fidaniif.3Kana irrattis Daawud yeroo Laga Efraaxiis bira yaadannoo ofii dhaabbachuu dhaqetti, hamma Hamaatiitti deemee Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate.4Daawudis gaariiwwan waraanaa isaa kuma tokko, abbootii fardaa kuma torbaa fi loltoota lafoo kuma digdama isa irraa fudhate. Innis fardeen gaariiwwanii dhibba tokko qofa hambisee kanneen hafan hunda mogolee kukkute.5Yeroo warri Sooriyaa kanneen Damaasqoo jiraatan Hadaadezer mooticha Zoobaa gargaaruuf dhufanittis, Daawud isaan keessaa nama kuma digdamii lama fixe.6Ergasiis kutaa bulchiinsa Damaasqoo kan biyya Sooriyaa keessa qubata loltootaa dhaabbate; warri Sooriyaas isa jalatti bulanii gibira fidaniif. Rabbii Allaahanis Daawudiif lafa inni dhaqe hundatti mooʼicha kenne.7Daawudis gaachana warqee kan ajajjoonni loltoota Hadaadezer harkatti qabatan fudhatee gara Yerusaalem fide.8Daawud magaalaawwan Hadaadezer jechuunis Xibihaatii fi Kuuni naasii akka malee baayʼee fudhate; Suleyimaan immoo Gaanii naasii, utubaawwanii fi miʼoota naasii garaa garaa naasii sana irraa hojjete.9Tooʼuun mootiin Hamaati yommuu akka Daawud guutummaa loltoota Hadaadezer mooticha Zoobaa moʼate dhagaʼetti,10akka inni sababii ol aantummaa Daawud Mootichi waraana keessatti Hadaadezer irratti argateetiif harka isa fuudhee dhaamsa gammachuu isaaf dabarsuuf ilma ofii Hadooraamin gara isaatti erge; Hadaadezer Tooʼuu wajjin wal waraanaa tureetii. Adooraamis kennaa gosa hundaa warqee irraa, meetii fi naasii irraa hojjetaman fideef.11Daawud Mootichis akkuma meetii fi warqee saboota Edoom, Moʼaab, Amoonota, Filisxeemotaa fi Amaaleq hunda irraa boojiʼee ture godhe sana miʼoota kanneen illee Rabbii Allaahaf addaan baase.12Abiishaayi ilmi Zeruuyaa Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota kuma kudha saddeet fixe.13Innis Edoom keessa qubata loltootaa dhaabbate; Edoomonni hundinuus Daawudiif ni garbooman. Rabbii Allaahanis lafa inni dhaqe hundatti Daawudiif moʼannaa ni kenne.Qondaaltota Daawud
14Daawud guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼee saba isaa hundaaf murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan hojjete.15Yooʼaab ilmi Zeruuyaa hoogganaa loltootaa ture; Yehooshaafaax ilmi Ahiiluud immoo galmeessaa ture;16Zaadoq ilmi Ahiixuubii fi Abiimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Shaafisaan immoo barreessaa ture;17Benaayaa ilmi Yehooyaadaa hoogganaa Kereetotaa fi Pheletotaa ture; ilmaan Daawud immoo mootichatti aananii qondaaltota hangafoota turan.Biblica, Inc.