1 Seenaa15

Taabonni Gara Yerusaalem Fidame

1Daawud erga ofii isaatiif Magaalaa Daawud keessatti mana ijaarratee booddee taabota Allaahatiif lafa qopheessee dunkaana dhaabe.2Ergasiis Daawud, “Waan Rabbii Allaahan akka isaan taabota Allaaha baatanii bara baraan fuula isaa dura tajaajilaniif isaan filateef, Lewwota malee namni biraa taabota Rabbii Allaah hin baatin” jedhee ajaje.
3Daawudis taabota Rabbii Allaah iddoo qopheesseef sanatti fiduuf Israaʼeloota hunda Yerusaalemitti walitti qabe.
4Innis sanyiiwwan Haaruunii fi Lewwota walitti waame; isaanis:5Ilmaan Qohaati keessaa, Uuriiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 120;6ilmaan Meraarii keessaa, Asaayaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 220;7ilmaan Geershoom keessaa, Yooʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 130;8ilmaan Eliisaafaan keessaa, Shemaaʼiyaa hoogganaa sanaa fi firoota isaa 200;9ilmaan Kebroon keessaa, Eliiʼeel hoogganaa sanaa fi firoota isaa 80;10ilmaan Uziiʼeel keessaa, Amiinaadaab hoogganaa sanaa fi firoota isaa nama 112.
11Ergasiis Daawud luboota jechuunis Saadoqii fi Abiyaataar akkasumas Lewwota jechuunis Uuriiʼeel, Asaayaa, Yooʼeel, Shemaaʼiyaa, Eliiʼeelii fi Amiinaadaabin ni waame;12akkanas isaaniin jedhe; “Isin hangafoota maatiiwwan Lewwotaa ti; isinii fi Lewwonni akka keessanii of qulqulleessaa; ergasiis taabota Rabbii Allaah Israaʼel gara iddoo ani qopheesseefitti fidaa.13Sababii isin Lewwonni yeroo jalqabaatti taabota sana hin fidiniif Rabbii Allaahan keenya nutti dheekkame. Nu akka seerri ajajutti isa hin barbaaddanneetii.”14Kanaafuu luboonnii fi Lewwonni taabota Rabbii Allaah Israaʼel sana fiduuf of qulqulleessan.15Lewwonni akkuma kan Muusaan dubbii Rabbii Allaahatiin ajajetti taabota Allaaha sana danqaraadhaan gatiittii isaaniitti ni baatan.
16Daawudis akka isaan meeshaa muuziiqaatiin jechuunis kiraaraan, baganaa fi kililleedhaan faarfannaa gammachuu faarfataniif akka isaan obboloota isaanii muudaniif Lewwota dura deemtotatti ni hime.
17Kanaafuu Lewwonni Heemaan ilma Yooʼeel muudatan; obboloota isaa keessaa immoo Asaaf ilma Berekiyaa, obboloota isaanii gosa Meraarii keessaa Eetaan ilma Qiisaa ni muuddatan;18isaan wajjinis obboloota isaanii kanneen isaanitti aannan: Zakariyaa, Yaʼaziiʼeel, Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaab, Benaayaa, Maʼaseyaa, Matiitiyaa, Eliipheleehuu, Miiqneyaa, Oobeed Edoomii fi Yeʼiiʼeel eegdota balbalaa turan.
19Faarfattoonni Heemaan, Asaafii fi Eetaan jedhaman akka kilillee naasiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii faarfannaa dhageessisaniif ni muudaman;20Zakariyaa, Aziiʼeel Shemiiraamoot, Yehiiʼeel, Unnii, Eliiyaabi, Maʼaseyaanii fi Benaayaa immoo akka seera alamootiitti kiraaraan faarfatu ture;21akkasumas Matiitiyaan, Eliipheleehuu, Miiqneyaan, Oobeed Edoom, Yeʼiiʼeel, Azaaziyaan akka seera shiimiiniitiitti baganaa taphatu ture.22Kenaaniyaan hangaftichi Lewwotaa itti gaafatamaa faarfannaa ture; innis itti gaafatamummaa kana sababii ogummaa isaa qabuuf fudhate.
23Berekiyaa fi Elqaanaan eegdota balbala taabotaa turan.24Luboonni jechuunis, Shebaniyaan, Yooshaafaaxi, Naatnaaʼel, Amaasaayi, Zakariyaa, Benaayaanii fi Eliiʼezer fuula taabota Allaaha duratti malakata afuufu ture. Oobeed Edoomii fi Yehiyaan immoo eegdota balbala taabotaa turan.
25Kanaafuu Daawudii fi maanguddoonni Israaʼel akkasumas ajajjuuwwan kumaa gammachuudhaan taabota kakuu Rabbii Allaah sana mana Oobeed Edoomiitii fiduu dhaqan.26Isaanis sababii Allaahan Lewwota taabota kakuu Rabbii Allaah baatan gargaareef korommii loonii torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba aarsaa godhan.27Daawudis wandaboo haphii quncee talbaa irraa hojjetame kan akka uffata Lewwonni taabota sana baatan, kan akka faarfattoonnii fi Kenaaniyaan qajeelchaan faarfannaa faarfattootaa uffatan sanaa uffatee ture. Daawudis dirata quncee talbaa irraa hojjetames uffatee ture.28Akkasiinis Israaʼel hundi gaanfa korbeessa hoolaatii fi malakata afuufaa, kilillee dhageessisaa, kiraaraa fi baganaadhaan sirbaa taabota kakuu Rabbii Allaah sana ni fidan.
29Yeroo taabonni kakuu Rabbii Allaah Magaalaa Daawud seenutti Miikaal intalli Saaʼol foddaa keessaan ilaalaa turte. Isheenis akka Daawud Mootichi shuubbisee gammadu yommuu argitetti garaa ishee keessatti isa tuffatte.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3