Faarfannaa95gaz_bib

1Kottaa Waaqayyoof faarfannaa;Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.2Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
3Waaqayyo Waaqa guddaadhaatii;inni waaqota hundaa olitti Mootii guddaa dha.4Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru;fiixeewwan tulluus kan isaa ti.5Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii;lafa gogaa illee harka isaatu uume.
6Kottaa gad jennee sagadnaa;Uumaa keenya Waaqayyo duratti ni jilbeenfannaa;7inni Waaqa keenyaatii;nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha;bushaayee harka isaa keessa jiruudhas.Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,8akka Mariibaatti gootan sana,akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaamataa hin jabaatinaa;9abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu,achitti qoranii na ilaalan.10Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame;anis, “Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha;isaan karaa koo hin beekne” nan jedheen.11Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,“Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedhee kakadhe.