Faarfannaa93gaz_bib
1Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata;Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata.Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.2Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera;ati durii duriitii jalqabdee jirta.3Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru;galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru;galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.4Sagalee bishaan baayʼee caalaa,jabina dhaʼaa galaanaa caalaas,Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.5Seerri kee jabaatee ni dhaabata;Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraanfaaya mana keetii ti.