Faarfannaa62gaz_bib

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.

1Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti;fayyinni koos isa biraa naa dhufa.2Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.
3Isin hamma yoomiitti nama miitu?Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti,akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?4Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa,guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu;isaan sobatti ni gammadu.Afaan isaaniitiin ni eebbisu;garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.
5Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti;abdiin koo isa biraa dhufaatii.6Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.7Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira;kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.8Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.
9Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti;gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma;yoo madaaliidhaan madaalamanlachanuu qilleensa caalaa salphatu.10Waan saamichaan argattan hin amanatinaa;waan hatameenis hin koorinaa.Yoo qabeenyi keessan guddate illee,qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.
11Waaqni yeroo tokko dubbate;ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe;kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha.12Yaa Gooftaa araarri kan kee ti.Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaaakkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.