Faarfannaa6gaz_bib
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Baganaadhaan faarfatamu. Faarfannaa Daawit kan akka sirna Shamiiniitiitti faarfatamu.
1Yaa Waaqayyo aarii keetiin na hin hifatin;yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.2Naa gameeraatii yaa Waaqayyo naaf araarami;lafeen koos jeeqameeraatii yaa Waaqayyo na fayyisi.3Lubbuun koo akka malee jeeqameera;kun hamma yoomiitti? Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?4Yaa Waaqayyo, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi;araara keetiif jedhiitii na fayyisi.5Namni duʼe si hin yaadatu.Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?6Ani aaduu kootiin bututeera.Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa;imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.7Iji koo gaddaan fajajeera;sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.8Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa;Waaqayyo sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.9Waaqayyo waammata koo dhagaʼeera;Waaqayyo kadhannaa koo ni fudhata.10Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan;qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.