Faarfannaa39gaz_bib
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.
1Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha;arraba koos cubbuu irraa nan ittisa;hamma namni hamaan na bira jiruttis,afaan kootti luugama nan kaaʼadha.”2Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe;waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe;dhiphinni koo garuu ittuma caale;3onneen koo na keessatti bulluqaa deeme;yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe;anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe:4Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi;dheerina umurii kootiis na barsiisi;jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.5Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta;umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu;jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.6Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa;dhugumaan inni akkasumaan goolama;namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku.7“Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha?Abdiin koo suma irra jira.8Dogoggora koo hunda irraa na oolchi;nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin.9Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu;kan waan kana godhe sumaatii.10Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii;dhaʼicha kee narraa fuudhi.11Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas;akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita;dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha.12“Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu;booʼicha koos calʼistee hin ilaalin.Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii;akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti.13Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin duraakkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu.”