Faarfannaa37gaz_bib
Faarfannaa Daawit.
1Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarinyookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.2Isaan akkuma margaa dafanii coollagu;akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.3Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu;biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.4Waaqayyotti gammadi;innis hawwii garaa keetii siif guuta.5Karaa kee Waaqayyotti kennadhu;isa amanadhu; inni siif milkeessa.6Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti,murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.7Waaqayyo duratti calʼisi;obsaanis isa eeggadhu;nama karaan isaa qajeeleefitti,kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.8Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi;hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.9Namoonni hamoon ni balleeffamuutii;warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.10Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan;yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.11Garraamonni garuu lafa ni dhaalu;nagaa guddaadhaanis ni gammadu.12Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu;ilkaan isaaniis isatti qaratu;13Gooftaan hamootatti ni kolfa;inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.14Namoonni hamoon hiyyeeyyii firakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf,warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf,goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.15Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana;iddaan isaaniis ni caccaba.16Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra,waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;17humni hamootaa ni cabaatii;Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.18Waaqayyo bara tolootaa ni beeka;dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.19Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan;bara beelaa keessas ni quufu.20Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu;diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti;isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.21Namoonni hamoon ni liqeeffatu;garuu deebisanii of irraa hin baasan;qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;22warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu;warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.23Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama;inni karaa namicha sanaatti ni gammada.24Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu;Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.25Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera;garuu qajeeltonni gatamuu isaaniiyookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.26Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus;ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.27Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu;yoos ati bara baraan ni jiraatta.28Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii;warra isaaf amanamanis hin gatu.Isaanis bara baraan ni eegamu;sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.29Qajeeltonni lafa ni dhaalu;bara baraanis ishee irra ni jiraatu.30Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.31Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira;miilli isaas hin mucucaatu.32Namoonni hamoon qajeeltota gaadu;isaan ajjeesuus ni barbaadu;33Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisuyookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti,akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.34Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi.Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna;atis badiisa hamootaa ni argita.35Nama hamaa fi gara jabeessa,isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.36Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre;ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.37Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali;sanyiin nama nagaa hin baduutii.38Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu;galgalli nama hamaas hin tolu.39Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa;inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.40Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas;harka namoota hamoo jalaa isaan baasa;isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.