Faarfannaa29gaz_bib

Faarfannaa Daawit.

1Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa;ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa.2Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa;iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.
3Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira;Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa;Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.4Sagaleen Waaqayyoo humna qaba;sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa.5Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa;Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa.6Inni Libaanoonin akka jabbiitti,Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.7Sagaleen Waaqayyoobalaqqeessa bakakkaatiin rukuta.8Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa;Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa.9Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira;bosonas qullaatti hambisa.Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.
10Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa;Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.11Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna;Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.