Faarfannaa27gaz_bib
Faarfannaa Daawit.
1Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti;ani eenyunan sodaadha?Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti;eenyutu na sodaachisa?2Namoonni hamoon yommuufoon koo nyaachuudhaaf natti dhufan,diinonni koo fi amajaajonni kooyommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.3Yoo duulli na marse illee,garaan koo hin sodaatu;yoo waraanni natti baname illeeani hin raafamu.4Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha;waan kanas nan barbaada:Kunis bara jireenya kootii guutuumana Waaqayyoo keessa jiraachuu,miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaakeessatti isa kadhachuu dha.5Inni guyyaa rakkinaaiddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii;daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa;kattaa gubbaattis ol na baasa.6Yommus diinota na marsanii olittimataan koo ol jedha;dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa;Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas.7Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi;naaf araarami; deebiis naaf kenni.8Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti,garaan koo, “Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha.9Fuula kee na duraa hin dhoksin;aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin;ati gargaaraa koo taateerta.Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko,na hin gatin; na hin dhiisinis.10Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee,Waaqayyo na simata.11Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi;sababii ani diinota baayʼee qabuufdaandii qajeelaa irra na buusi.12Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin;dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii;isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.13Anis biyya jiraattotaa keessattigaarummaa Waaqayyoo akkan arguamma iyyuu nan amana.14Waaqayyoon eeggadhu;cimi; jabaadhus;Waaqayyoon eeggadhu.