Faarfannaa26gaz_bib

Faarfannaa Daawit.

1Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼinahin qabne jiraadheef, ati naa murteessi;anis utuu asii fi achi hin raafamin,Waaqayyoon amanadheera.2Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali;garaa koo fi qalbii koo qori;3jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii;anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
4Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu,yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;5ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba;hamoota wajjinis hin taaʼu.6Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha;iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.7Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha;dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.
8Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu,iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.9Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya kooswarra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;10warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jirukanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.11Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha;ati na furi; araaras naa buusi.
12Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata;waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.