Faarfannaa19gaz_bib
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
1Samiiwwan ulfina Waaqaa odeessu;bantiin samiis hojii harka isaa labsa.2Guyyaan tokko guyyaa kaanitti odeessa,halkan tokkos halkan kaanitti beekumsa mulʼisa.3Haasaan yookaan dubbiin hin jiru;sagaleen isaaniis hin dhagaʼamu.4Taʼus sagaleen isaanii lafa hundumaa,dubbiin isaaniis handaara addunyaa gaʼe.Inni samiiwwan keessatti biiftuudhaaf dunkaana dhaabe;5biiftuunis akkuma misirricha dinqa isaatii baʼuutii fiakkuma moʼataa fiigicha dorgomutti gammadu tokkoo ti.6Isheenis handaara samiiwwanii tokkoo baateegara handaara kaaniitti naannofti;wanni hoʼa ishee jalaa dhokatu tokko iyyuu hin jiru.7Seerri Waaqayyoo mudaa hin qabu;lubbuu namatti deebisa.Ajajni Waaqayyoo amanamaa dha;nama wallaalaa beekaa godha.8Seerri Waaqayyoo qajeelaa dha;garaadhaaf gammachuu kenna.Ajajni Waaqayyoo qulqulluu dha;ijaafis ifa kenna.9Waaqayyoon sodaachuun qulqulluu dha;bara baraan jiraata.Murtiin Waaqayyoo dhugaa dha;walumaa galattis qajeelaa dha.10Inni warqee caalaa, warqee akka malee qulqulleeffamecaalaa iyyuu gatii qabeessa;inni damma caalaa,nadhii dammaa caalaa miʼaawaa dha.11Murtii kanaanis tajaajilaan kee ni gorfama;isa eeguunis gatii guddaa qaba.12Eenyutu dogoggora isaa hubachuu dandaʼa?Yakka koo isa dhokfamaa irraa na qulqulleessi.13Tajaajilaa kee cubbuu ija jabinaan hojjetamu irraa eegi;cubbuun kunis na hin moʼatin.Yoos ani hirʼina malee nan jiraadha;dogoggora guddaa irraas qulqulluu nan taʼa.14Yaa Waaqayyo, Kattaa koo fi Furii ko,dubbiin afaan kootii fi yaadni garaa koofuula kee duratti fudhatamaa haa taʼu.