Faarfannaa16gaz_bib

Miiktaamii Daawit.

1Yaa Waaqi, ani kooluu sitti galeeraatii,ati na eegi.
2Anis Waaqayyoon, “Ati Gooftaa koo ti;ani si malee gaarummaa hin qabu” nan jedha.3Qulqulloonni lafa irraa garuu ulfina qabeeyyii dha;anis isaanitti baayʼee nan gammada.4Warra waaqota tolfamoo duukaa buʼan,gaddi isaanii ni guddata.Dhibaayyuu dhiigaa ani isaaniif hin dhibaafadhu;yookaan afaan kootiin maqaa isaanii hin dhaʼu.
5Waaqayyo qooda dhaala kootii fi qooda xoofoo koo ti;ixaa koos situ naa jiraachisa.6Funyoon daangaa iddoo gaarii naa buʼeera;dhugumaan ani dhaala nama gammachiisu qaba.
7Waaqayyo isa na gorsu sana ani nan jajadha;halkanis yaadni koo na qajeelcha.8Ani yeroo hunda fuula koo duraa Waaqayyoon qaba.Waan inni mirga koo jiruuf ani hin raafamu.
9Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha;foon koos nagaadhaan jiraata;10ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii,yookaan amanamaan kee akka tortoru hin gootu.11Ati karaa jireenyaa na barsiifta; fuula kee durattisgammachuudhaan na guutta;gara mirga keetii gammachuu bara baraatu jira.