Faarfannaa147gaz_bib

1Haalleluuyaa.Faarfannaadhaan Waaqa galateeffachuun akkam gaarii dha;isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!
2Waaqayyo Yerusaalemin ni ijaara;Israaʼeloota boojiʼamanis walitti qaba.3Warra garaan cabe ni fayyisa;madaa isaaniis walitti hodha.4Inni baayʼina urjiiwwanii ni beeka;tokkoo tokkoo isaaniis maqaa maqaadhaan waama.5Gooftaan keenya guddaa dha; humni isaas jabaa dha;hubannaan isaas dhuma hin qabu.6Waaqayyo warra gad qabaman ni jiraachisa;hamoota garuu lafatti darbata.
7Galata galchaa Waaqayyoon faarfadhaa;baganaadhaanis Waaqa keenyaaf weeddisaa.
8Inni samiiwwani duumessaan haguuga;lafaafis bokkaa kenna;tulluuwwan irrattis marga biqilcha.9Horiidhaaf waan isaan dheedan,yommuu ilmaan arraagessaa iyyanittinyaata isaaniif ni kenna.
10Inni jabina fardaatti hin gammadu;yookaan miilli namaa isa hin gammachiisu;11Waaqayyo warra isa sodaatanitti,warra araara isaa abdatanitti ni gammada.
12Yaa Yerusaalem, Waaqayyoon galateeffadhu;Yaa Xiyoon Waaqa kee galateeffadhu.
13Inni danqaraa karra keetii ni jabeessaatii;ijoollee kees si keessatti eebbisa.14Daarii keetiif nagaa kenna;qamadii qulqulluudhaanis si quubsa.
15Inni ajaja isaa gara lafaatti ni erga;dubbiin isaas ni ariifata.16Inni cabbii akkuma suufiitti diriirsa;qorras akkuma daaraatti bittinneessa.17Dhagaa cabbii akkuma cirrachaa gad darbata.Dhaamocha isaa dura eenyutu dhaabachuu dandaʼa?18Inni dubbii isaa ergee isaan baqsa;bubbee isaa ni kaasa; bishaanonnis ni yaaʼu.
19Inni dubbii isaa Yaaqoobitti,seeraa fi sirna isaa immoo Israaʼelitti mulʼiseera.20Waan kana saba biraa tokkoof iyyuu hin goone;isaan seera isaa hin beekan.Haalleluuyaa.