Faarfannaa141gaz_bib
Faarfannaa Daawit.
1Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; dafii na qaqqabi.Yommuu ani si waammadhus sagalee koo dhagaʼi.2Kadhannaan koo fuula kee duratti akka ixaanaatti anaaf haa fudhatamu;harka koo ol qabachuun koos akka aarsaa galgalaa anaaf haa taʼu.3Yaa Waaqayyo, afaan kootiif eegduu naa dhaabi;balbala afaan kootiis naa eegi.4Garaan koo namoota waan hamaa hojjetan wajjin,hojii hamminaa keessatti hirmaachuuf,gara jalʼina kamiitti iyyuu hin harkifamin;akka ani nyaata isaanii miʼaawaa nyaadhus anaaf hin eeyyamin.5Namni qajeelaan na haa rukutu; kun gara laafinaatii;inni ana haa ifatu; kunis zayitii mataa koo irraatti.Mataan koo waan kana hin didu.Taʼus kadhannaan koo yoom iyyuu hojii hamootaatiin mormuu dha.6Bulchitoonni isaanii ededa boollaa irraa gad ni darbatamu;isaan dubbii koo ni dhagaʼu; dubbiin koo ni miʼaawaatii.7Isaanis, “Akkuma namni lafa qotu biyyoo bulleessu sana,lafeen keenya afaan siiʼool irratti bittinneeffamee jira” jedhu.8Yaa Waaqayyo Gooftaa, ani garuu ija koo sirraa hin buqqifadhu;ani kooluu sitti galeera; dabarsitee duʼatti na hin kennin.9Kiyyoo isaan naaf kaaʼan irraa,kiyyoo warri jalʼina hojjetan naaf qopheessan irraas na eegi.10Warri hamoon kiyyoo ofii isaaniitiin haa qabaman;ani garuu nagumaan nan baʼa.