Faarfannaa14gaz_bib
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
1Gowwaan garaa isaatti,“Waaqni hin jiru” jedha.Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha;namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.2Waaqayyo yoo namni waa hubatu,kan Waaqas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee,samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.3Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru;namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru;tokkumti iyyuu hin jiru.4Warri hammina hojjetankanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,warri Waaqayyoon hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?5Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru;Waaqni dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.6Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu;Waaqayyo garuu daʼoo isaanii ti.7Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!Yommuu Waaqayyo saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!