Faarfannaa136gaz_bib
1Waaqayyoof galata galchaa; inni gaariidhaatii.Jaalalli isaa bara baraan jiraata.2Waaqa waaqotaatiif galata galchaa.Jaalalli isaa bara baraan jiraata.3Gooftaa Gooftotaatiif galata galchaa:Jaalalli isaa bara baraan jiraata.4inni kophaa isaa dinqii gurguddaa hojjeta;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.5inni ogummaa isaatiin samiiwwan uume;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.6inni bishaanota irratti lafa diriirse;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.7inni ifa gurguddaa hojjete;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.8inni akka biiftuun guyyaa mootu godhe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.9inni akka jiʼii fi urjiiwwan halkan moʼan godhe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.10inni hangafa Gibxi dhaʼe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.11inni isaan gidduudhaa Israaʼelin baase;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.12harka jabaa fi irree diriiraadhaan Israaʼelin baase;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.13inni Galaana Diimaa iddoo lamatti gargarii qoode;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.14inni galaana gidduudhaan Israaʼelin dabarse;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.15Faraʼoonii fi loltoota isaa garuu Galaana Diimaatti naqe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.16inni saba ofii isaa gammoojjii keessa geggeesse;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.17inni mootota gurguddaa dhaʼe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.18inni mootota jajjaboo fixe;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.19inni Sihoon mootii Amoorotaa ajjeese;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.20inni Oogi mootii Baashaan ajjeese;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.21inni biyya isaanii dhaala godhee kenne;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.22dhaala godhee garbicha isaa Israaʼeliif kenne;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.23Inni yeroo nu gad deebinetti nu yaadate;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.24inni harka diinota keenyaatii nu baase,Jaalalli isaa bara baraan jiraata.25inni uumama hundaaf soora kenna;Jaalalli isaa bara baraan jiraata.26Waaqa samiitiif galata galchaa.Jaalalli isaa bara baraan jiraata.