Faarfannaa13gaz_bib
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.
1Yaa Waaqayyo, hamma yoomiitti?Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa?Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?2Ani hamma yoomiittin rakkina obseeguyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda?Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?3Yaa Waaqayyo Waaqa ko, na ilaali; deebii illee naa kenni.Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;4diinni koo, “Ani isa moʼadheera” jedha;amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.5Ani garuu araara kee nan amanadha;garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.6Ani Waaqayyoof nan faarfadha;arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.