Faarfannaa115gaz_bib

1Nuuf miti; yaa Waaqayyo, nuuf miti;garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitiimaqaa keetiif ulfina kenni.
2Saboonni maaliif,“Waaqni isaanii eessa jira?” jedhu?3Waaqni keenya samii keessa jira;inni waan isa gammachiisu kam iyyuu ni hojjeta.4Waaqonni isaanii tolfamoon garuu meetii fiwarqee harka namaatiin hojjetamanii dha.5Isaan afaan qabu; garuu dubbachuu hin dandaʼan;ijas qabu; garuu arguu hin dandaʼan;6gurra qabu; garuu dhagaʼuu hin dandaʼan;funyaan qabu; garuu fuunfachuu hin dandaʼan;7harka qabu; garuu qaqqabachuu hin dandaʼan;miilla qabu; garuu deemuu hin dandaʼan;laagaa isaanii keessattis sagalee tokko illee hin uuman.8Warri isaan tolchankanneen isaan amanatan hundi akkuma isaanii taʼu.
9Yaa mana Israaʼel, Waaqayyoon amanadhu;inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.10Yaa mana Aroon, Waaqayyoon amanadhu;inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.11Isin warri isa sodaattan, Waaqayyoon amanadhaa;inni gargaarsaa fi gaachana isaanii ti.
12Waaqayyo nu yaadata; nu eebbisas;inni mana Israaʼel ni eebbisa;mana Aroonis ni eebbisa;13inni warra Waaqayyoon sodaatan,xinnaas guddaas ni eebbisa.
14Waaqayyo, isinii fiijoollee keessan haa baayʼisu.15Waaqayyo samii filafa Uume sun isin haa eebbisu.
16Samiin samiiwwanii oliis kan Waaqayyoo ti;lafa garuu inni namaaf kenneera.17Warri duʼan yookaan warri gara iddoo calʼisanitti gad buʼanWaaqayyoon galateeffachuu hin dandaʼan;18nu garuu ammaa jalqabnee bara baraanWaaqayyoon ni eebbifna.Haalleluuyaa.