Faarfannaa11gaz_bib

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit.

1Ani Waaqayyotti kooluu galeera.Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu:“Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.2Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru;isaan warra toloota taʼan,dukkana keessa waraanuuf jedhanii,xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.3Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaanmaal gochuu dandaʼa?”
4Waaqayyo mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira;teessoon Waaqayyoo samii irra jira.Inni ilmaan namootaa ni ilaala;iji isaas namoota ni qora.5Waaqayyo qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora;lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.6Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fidinyii bobaʼu ni roobsa;qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.
7Waaqayyo waan qajeelaa taʼeef,murtii qajeelaa jaallata;toloonnis fuula isaa ni argu.