Faarfannaa102gaz_bib

Kadhannaa Namni Dhiphate Tokko Faaruu Booʼichaa Faarsee Fuula Waaqayyoo Duratti Dhiʼeeffatu.

1Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi;iyyi ani gargaarsaaf iyyadhus si bira haa gaʼu.2Yeroo ani dhiphadhetti,fuula kee na duraa hin dhoksin.Gurra kee gara kootti deebisi;yommuu ani si waammadhu dafiitii deebii naa kenni.
3Barri koo akkuma aaraatti ni badaatii;lafeen koos akkuma barbadaa ibiddaa bobaʼaa jira.4Garaan koo dhukkubsatee akkuma margaa coollageera;ani nyaata koo nyaachuu irraanfadheera.5Sababii ani guddisee aaduuf,lafeen koo gogaa kootti maxxaneera.6Ani akka urunguu gammoojjii,akka urunguu lafa barbadaaʼe keessaa nan taʼe.7Ani hirriba malee nan bula;akka simbirroo kophaa ishee guutuu manaa irra jirtuus taʼeera.8Diinonni koo guyyaa guutuu na arrabsu;warri natti qoosanis abaarsaaf maqaa kootti fayyadamu.9Ani akkuma buddeenaatti daaraa nyaadheeraattii;dhugaatii koottis imimmaan makadheera;10kunis sababii aarii fi dheekkamsa keetiitiif natti dhufe;ati ol na fuutee gad na darbatteertaatii.11Barri koo akkuma gaaddidduu galgalaa ti;anis akkuma margaa gogeera.
12Yaa Waaqayyo, ati bara baraan teessoo irra jirta;yaadannoon kees dhaloota hundatti darba.13Ati kaatee Xiyooniif garaa ni laafta;yeroon itti isheen fudhatama argachuu qabdu ammumaatii;yeroon murteeffame sun gaʼeeraa.14Garboonni kee dhagaa isheetti gammaduutii;biyyoo ishees ni mararfatu.15Saboonni maqaa Waaqayyoo ni sodaatu;mootonni lafaa hundinuus ulfina kee ni kabaju.16Waaqayyo deebisee Xiyoonin ijaaraatii;ulfina isaatiinis ni mulʼata.17Inni kadhannaa gadadamtootaa ni dhagaʼa;waammata isaaniis hin tuffatu.
18Akka sabni hamma ammaatti hin dhalatin Waaqayyoon galateeffatuuf,wanni kun akkana jedhamee dhaloota dhufuuf haa barreeffamu:19“Waaqayyo iddoo qulqullummaa isaa gubbaa irraa gad ilaale;samii irraas gara lafaa gad milʼate;20kanas aaduu warra hidhamanii dhagaʼuu fiwarra duuti itti murame baasuudhaaf hojjete.”21Akkasiin maqaan Waaqayyoo Xiyoon keessatti,galanni isaas Yerusaalem keessatti ni labsama;22kunis yommuu saboonnii fi mootummoonni,Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamanitti taʼa.
23Inni jabina koo karaatti hambise;umurii koos ni gabaabse.24Anis akkanan jedhe:“Yaa Waaqa ko, walakkaa umurii kootti na hin fudhatin;waggoonni kee dhalootaa hamma dhaloota hundaatti itti fufu.25Ati jalqabatti lafa hundeessite;samiiwwanis hojii harka keetii ti.26Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;hundumti isaanii akkuma wayyaa ni dhumu.Ati akkuma uffataa isaan geeddarta;isaanis ni badu.27Ati garuu sanuma;umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.28Ijoolleen garboota keetii sodaa malee jiraatu;sanyiin isaaniis fuula kee dura jiraata.”