Faarfannaa101gaz_bib
Faarfannaa Daawit.
1Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha;Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha.2Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha;ati yoom gara koo dhufta?Ani garaa qulqulluudhaan,mana koo nan jiraadha.3Ani ija koo dura,waan hamaa hin kaaʼu.Hojii jalʼootaa nan jibba;nattis hin qabatu.4Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan;ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu.5Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu,ani afaan nan qabachiisa;nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf,ani obsa hin qabaadhu.6Akka isaan na wajjin jiraataniif,iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti;namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila.7Namni nama gowwoomsu tokko iyyuumana koo keessa hin jiraatu;namni soba dubbatu tokko iyyuufuula koo dura hin dhaabatu.8Ani jalʼoota biyyattii hunda,ganama ganama nan barbadeessa;warra waan hamaa hojjetanmagaalaa Waaqayyoo keessaa nan balleessa.