Fakkeenya
4
/
gaz_bib
Ogummaan Waan Hunda Caalti
1
Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;
qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.
2
Ani barumsa gaarii isinii nan kenna;
kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.
3
Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti,
yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,
4
inni akkana jedhee na barsiise;
“Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu;
seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.
5
Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;
dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.
6
Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii;
ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.
7
Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu.
Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.
8
Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii;
isa hammadhu; innis si kabajaatii.
9
Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi;
gonfoo miidhagaa illee siif kenniti.”
10
Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu;
barri jireenya keetiis ni baayʼataa.
11
Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha;
daandii qajeelaa irras sin buusa.
12
Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu;
yoo fiigdu illee ati hin gufattu.
13
Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin;
waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.
14
Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin
yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.
15
Irraa fagaadhu; irras hin deemin;
irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.
16
Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii;
isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.
17
Isaan buddeena hamminaa nyaatu;
daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu.
18
Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa
kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.
19
Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti;
isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.
20
Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu;
dubbii kootiifis gurra kenni.
21
Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin;
garaa kee keessa ol kaaʼadhu;
22
inni warra isa argatuuf jireenya,
dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.
23
Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;
burqaan jireenyaa achii baʼaatii.
24
Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi;
haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.
25
Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu;
atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.
26
Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu;
karaan kee hundinuu haa jabaatu.
27
Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin;
miilla kee hammina irraa eeggadhu.
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter