Fakkeenya29gaz_bib

1Namni ifannaa baayʼee booddeemataa jabaatu kam iyyuu akkuma tasaa caba; hin fayyus.
2Yommuu namni qajeelaan aangoo qabatutti, sabni ni ililcha;yommuu namni hamaan bulchu garuu sabni ni guunguma.
3Namni ogummaa jaallatu abbaa isaa gammachiisa;miiltoon sagaagaltuu garuu qabeenya isaa barbadeessa.
4Mootiin murtii qajeelaadhaan biyyaaf nagaa buusa;kan mattaʼaaf gaggabu immoo biyya gargar qoqqooda.
5Namni ollaa isaa jaju,miilluma isaatiif kiyyoo kaaʼa.
6Namni hamaan cubbuu ofii isaatiin qabama;qajeelaan garuu ni faarfata; ni ililchas.
7Namni qajeelaan mirga hiyyeessaatiif dhaabata;namni hamaan garuu dhimma akkanaa hin qabu.
8Qoostonni magaalaa jeequ;ogeeyyiin garuu aarii qabbaneessu.
9Yoo ogeessi gowwaa wajjin mana murtii dhaqe,gowwaan sun ni aara yookaan ni kolfa; nagaanis hin jiraatu.
10Namoonni dhiiga dheebotan, nama amanamaa jibbu;nama tolaas ajjeesuu barbaadu.
11Gowwaan guutumaan guutuutti aariitti of kenna;ogeessi garuu of qaba.
12Yoo bulchaan tokko soba dhaggeeffate,qondaaltonni isaa hundi ni hammaatu.
13Hiyyeessaa fi namni nama cunqursu waan kanaan wal fakkaatu:Waaqayyo ija lachan isaaniitiifuu agartuu kenna.
14Yoo mootiin tokko wal qixxummaadhaanhiyyeeyyiif murtii kenne,teessoon isaa bara baraan jabaatee dhaabata.
15Ulee fi ifannaan ogummaa kennu; daaʼimni akkasumattigad dhiifame garuu haadha isaa salphisa.
16Yommuu hamoonni aangoo qabatan, cubbuutu baayʼata;qajeeltonni garuu kufaatii jaraa argu.
17Ilma kee adabadhu, inni nagaa siif kenna;lubbuu kees ni gammachiisa.
18Iddoo mulʼanni hin jirretti sabni gad dhiisii taʼa;namni seera eegu garuu eebbifamaa dha.
19Garbichi dubbii afaanii qofaan hin sirreeffamu;inni yoo hubate illee deebii hin kennuutii.
20Ati nama jarjarsuun dubbatu argitee?Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
21Nama garbicha ofii isaaijoollummaa isaatii jalqabee qanansiisu,galgalli isaa rakkina.
22Namni aaru lola kakaasa;kan dafee aarus cubbuu hedduu hojjeta.
23Of tuulummaan namaa isuma gad deebisa;namni hafuuraan gad of qabu garuu ulfina argata.
24Namni hattuu wajjin qooddatu lubbuu ofii isaa jibba;inni ni kakata; garuu waan tokko illee hin himu.
25Nama sodaachuun kiyyoo namatti taʼa;kan Waaqayyoon amanatu garuu nagaadhaan jiraata.
26Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;murtiin qajeelaan garuu Waaqayyo biraa dhufa.
27Qajeelaan sobduu xireeffata;hamaan immoo nama tolaa jibba.