Fakkeenya12gaz_bib
1Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata;kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.2Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata;Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura.3Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu;qajeelaan garuu hin buqqifamu.4Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.5Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha;gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.6Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuufriphee nama eeggata;haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.7Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman;manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.8Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama;namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.9Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko,nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.10Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada;hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.11Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.12Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu;hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.13Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama;namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.14Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama;hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.15Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.16Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama;namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.17Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna;dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.18Dubbiin of eeggannaa hin qabneakkuma goraadee nama waraana;arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.19Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.20Garaa warra waan hamaa malatanii keessagowwoomsaatu jira;warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.21Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu;hamoonni rakkinaan guutamu.22Waaqayyo arraba sobu ni jibba;warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.23Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata;gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.24Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.25Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa;dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.26Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa;karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.27Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu;kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.28Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira;daandii sana irra duuti hin jiru.