Fakkeenya11gaz_bib

1Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa;madaalii dhugaatti immoo ni gammada.2Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
3Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
4Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu;qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
5Qajeelummaan warra mudaa hin qabneekaraa qajeelaa baasaaf;hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.
6Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha;warri hin amanamne garuuhawwii hamaadhaan qabamu.
7Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada;wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.
8Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama;rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.
9Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa;namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.
10Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada;yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.
11Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata;afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.
12Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata;kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.
13Namni odeessu dhoksaa gad baasa;kan amanamu garuu icciitii eega.
14Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa;baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
15Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata;namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoonagaan jiraata.
16Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti;namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.
17Namni gaariin of fayyada;gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.
18Namni hamaan mindaa sobaa argata;kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.
19Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata;kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.
20Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa;warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.
21Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu;qajeeltonni garuu bilisa baʼu.
22Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabneakkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.
23Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf;abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.
24Namni tokko toluma waa namaa kenna;taʼus ittuma caalchisee sooroma;kaan immoo waan kennuu malu dhowwata;taʼus inuma hiyyooma.
25Namni arjaan ni badhaadha;namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.
26Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara;kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.
27Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata;hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.
28Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa;qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
29Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala;gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.
30Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti;namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
31Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii,namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaanhammam caalaa haa argatanii ree!