Fakkeenya10gaz_bib

1Fakkeenyawwan Solomoon:Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
2Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu;qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
3Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu;hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.
4Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa;harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.
5Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa;kan yeroo midhaan galfamutti rafu immooilma nama qaanessuu dha.
6Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa;afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
7Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa;maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada.
8Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata;gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
9Namni amanamaan sodaa malee deema;kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
10Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma;gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
11Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti;afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
12Jibbi lola kakaasa;jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.
13Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti;uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa.
14Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu;afaan gowwaa garuu badiisa waama.
15Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.
16Mindaan qajeeltotaa jireenya;galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa.
17Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema;namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
18Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu,kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.
19Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu;namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
20Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha;garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.
21Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora;gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.
22Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa;inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.
23Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata;namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada.
24Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa;hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.
25Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu;qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu.
26Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee,aarris ija miidhu sananamni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha.
27Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa;umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.
28Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa;wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada.
29Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha;nama jalʼaaf garuu badiisa.
30Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman;hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.
31Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;arrabni jalʼaan garuu ni kutama.
32Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata;afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.

No translations available.