Nahimiyaa7gaz_bib

1Erga dallaan sun ijaaramee anis cufaawwan iddootti deebisee booddee karra eegdonni, faarfattoonnii fi Lewwonni ni ramadaman.2Anis Yerusaalem irratti Anaanii obboleessa koo fi Hanaaniyaa ajajaa masaraa mootummaa sana nan muude; Hanaaniyaan kun nama hunda caalaa amanamaa fi kan Waaqa sodaatu tureetii.3Ani akkanan isaaniinan jedhe; “Karrawwan Yerusaalem hamma aduun hoʼitutti banamuu hin qaban. Yeroo karra eegdonni hojii irra jiranittis cufaawwan cufamanii danqaraan keessa haa loofamu. Akkasumas jiraattota Yerusaalem keessaa eegdota tokko tokko iddoo isaaniitti, kaan immoo mana isaanii biratti ramadaa.”

Maqaa Warra Boojuudhaa Deebiʼanii

4Magaalattiin guddoo fi balʼoo turte; garuu saba muraasatu ishee keessa jiraata ture. Manneenis amma iyyuu deebifamanii hin ijaaramne.5Waaqni koos akka isaan maatii maatiidhaan galmeeffamaniif akka ani namoota bebeekamoo, qondaaltotaa fi uummata walitti qabuuf garaa koo keessa kaaʼe. Anis galmee hidda dhalootaa kan warra jalqabatti deebiʼanii nan argadhe. Wanni barreeffamee ani achitti argadhe kanaa dha:
6Isaan kunneen namoota kutaa biyya sanaa warra boojuu Nebukadnezar mootichi Baabilon sun boojiʼee isaan geessee ture sanaa deebiʼanii dha; isaanis Yerusaalemii fi Yihuudaatti deebiʼanii tokkoon tokkoon isaanii magaalaa ofii isaaniitti galan;7isaanis Zarubaabel, Iyyaasuu, Nahimiyaa, Azaariyaa, Raʼaamiyaa, Nahamaan, Mordekaayi, Bilshaan, Misiphereti, Baguwaayi, Nehuumii fi Baʼanaa wajjin dhufan.
Maqaa namoota saba Israaʼel taʼanii:
8Sanyiin Phaarosh 2,1729sanyiin Shefaaxiyaa 37210sanyiin Aaraa 65211sanyiin Fahat Moʼaab warri karaa Yeeshuʼaa fi Yooʼaab dhalatan 2,81812sanyiin Eelaam 1,25413sanyiin Zaatuu 84514sanyiin Zakaayi 76015sanyiin Binuuyii 64816sanyiin Beebay 62817sanyiin Azgaad 2,32218sanyiin Adooniiqaam 66719sanyiin Baguwaay 2,06720sanyiin Aadiin 65521sanyiin Ateer warri karaa Hisqiyaas 9822sanyiin Haashum 32823sanyiin Beesaay 32424sanyiin Haariif 11225sanyiin Gibeʼoon 9526namoonni Beetlihemii fi namoonni Netoofaa 18827namoonni Anaatoot 12828namoonni Beet Azmaawet 4229namoonni Kiriyaati Yeʼaariim, kan Kefiiraatii fi Biʼeeroot 74330namoonni Raamaa fi Gebaa 62131namoonni Mikmaas 12232namoonni Beetʼeelii fi Aayi 12333namoonni Neboo kaan 5234namoonni Eelaam kaan 1,25435namoonni Haariim 32036namoonni Yerikoo 34537namoonni Lood, kan Haadiidii fi Oonoom 72138namoonni Senaaʼaa 3,930.
39Luboota: Sanyiin Yedaaʼiyaa warri karaa maatii Yeeshuuʼaa dhufan 97340sanyiin Imeer 1,05241sanyiin Phaashihuur 1,24742sanyiin Haariim 1,017.
43Lewwota: Sanyiin Yeeshuuʼaa warri karaa Qadmiiʼeel, karaa Hoodayiwaa dhufan 74.
44Faarfattoota: Sanyiin Asaaf 148.
45Eegdota karra mana qulqullummaa: Sanyiin Shaluum, sanyiin Ateer, sanyiin Talmoon, sanyiin Aquub, sanyiin Haxiixaa fi sanyiin Soobaay 138.
46Tajaajiltoota mana qulqullummaa: Sanyii Ziihaa, sanyii Hasuufaa, sanyii Xabaaʼoot,47sanyii Keeroos, sanyii Siiʼaa, sanyii Faadon,48sanyii Lebaanaa, sanyii Hagaabaa, sanyii Shalmaayi,49sanyii Haanaan, sanyii Gideel, sanyii Gahar,50sanyii Reʼaayaa, sanyii Reziin, sanyii Neqoodaa,51sanyii Gazaam, sanyii Uzaa, sanyii Faasehaa,52sanyii Beesaay, sanyii Meʼuuniim, sanyii Nefuushesiim,53sanyii Baqbuuq, sanyii Haquufaa, sanyii Harhuur,54sanyii Bazliit, sanyii Mihiidaa, sanyii Harshaa,55sanyii Barqoos, sanyii Siisaaraa, sanyii Teemahi,56sanyii Neziiyaa fi sanyii Haxiifaa.57Sanyii Tajaajiltoota Solomoon: Sanyii Soxaayi, sanyii Sofereeti, sanyii Feriidaa,58sanyii Yaʼilaa, sanyii Darqoon, sanyii Gideel,59sanyii Shefaaxiyaa, sanyii Haxiil, sanyii Fookeret-Hazbaayimii fi sanyii Aamoon.60Tajaajiltoota mana qulqullummaatii fi sanyiin tajaajiltoota Solomoon 392.
61Warri armaan gadiis magaalaawwan Teel Melaa, Teel Hareshaa, Kiruub, Adoonii fi Imeeriitii dhufan; isaan garuu akka maatiin isaanii sanyii Israaʼel taʼan mirkaneessuu hin dandeenye; isaanis:62Sanyiin Delaayaa, sanyiin Xoobbiyaa fi sanyiin Neqoodaa 642.
63Luboota keessaa immoo: Sanyii Habayaa, sanyii Haqoosii fi kan Barzilaay; Barzilaayiin kun sababii intala Barzilaay namicha Giliʼaad sanaa fuudheef maqaa kanaan waamame.64Isaan kunneen sababii galmee hidda dhalootaa keessaa maqaa maatii isaanii barbaadanii dhabaniif akka xuraaʼotaatti ilaalamanii tajaajila lubummaa dhowwaman.65Bulchaan biyyattiis hamma lubni Uriimii fi Tumiimiidhaan tajaajilu tokko kaʼutti akka isaan nyaata nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼe kam iyyuu hin nyaanneef isaan ajaje.
66Warri boojuudhaa deebiʼan walumaa galatti namoota 42,360 turan;67kana malees tajaajiltoonni isaanii dhiiraa fi dubartiin 7,337 turan; akkasumas isaan faarfattoota dhiiraa fi dubartii 245 qabu ture.68Isaan farda 736, gaangolii 245,69gaala 435 fi harree 6,720 qaban ture.
70Hangafoonni maatiiwwanii tokko tokko hojii sanaaf buusii buusan. Bulchaan biyyaa immoo warqee daariikii1,000, waciitii 50 fi uffata lubootaa 530 mankuusaatti galii godhe.71Abbootiin maatiiwwanii tokko tokko immoo hojii sanaaf warqee daariikii 20,000 fi meetii minnaanii2,200 mankuusatti galii godhan.72Uummanni kaan immoo walumaa galatti warqee daariikii 20,000, meetii minnaanii 2,000 fi uffata lubootaa 67 kennan.73Luboonni, Lewwonni, eegdonni karraa, faarfattoonnii fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa namoota tokko tokkoo fi Israaʼeloota kaan wajjin magaalaawwan ofii isaanii keessa qubatan.