Miikiyaas5gaz_bib

Bulchaa Beetlihemii Dhufu

1Yaa magaalaa raayyaa waraanaa, raayyaa kee hiriirsi;nu marfamneerraatii.Isaan uleedhaanmaddii bulchaa Israaʼel dhaʼu.2“Garuu yaa Beetlihem Efraataa,ati yoo balbala Yihuudaa keessaa xinnoo taate iyyuu,kan bulchaa Israaʼel taʼu,kan jiraachuun isaa durumaa,kan bara duriitii jalqabee ture tokkosi keessaa baʼee naaf dhufa.”
3Kanaafuu Israaʼelhamma isheen ciniinsifachaa jirtu deesseeobboloonni isaa warri hafanIsraaʼelootatti makamuuf deebiʼanitti kophaa hafti.
4Inni jabina Waaqayyootiinsurraa maqaa Waaqayyo, Waaqa isaatiindhaabatee bushaayee isaa tikfata.Yeroo sanatti surraan isaawaan daarii lafaa gaʼuuf isaan nagaadhaan jiraatu.
5Inni nagaa keenya taʼa;yeroo warri Asoor biyya keenya weeraraniidaʼannoo keenya keessa baʼanittinu tiksoota torbaa fiajajjuuwwan saddeet itti kakaasna.6Isaan biyya Asoor goraadeedhaanbiyya Naamruudis goraadee luqqifameen bulchu.Yeroo warri Asoor biyya keenya weeraraniidaarii keenya keessa baʼanitti,inni warra Asoor sana jalaa nu baasa.
7Hambaan Yaaqoobnamoota hedduu gidduuttiakkuma fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu,akkuma tiifuu marga irraakan nama hin eegneeyookaan ilmaan namaa hin eeggannee taʼa.8Hambaan Yaaqoob saboota gidduutti,uummata hedduu gidduuttis,akkuma leenca bineensota bosonaa gidduu jiruu,akkuma leenca saafela bushaayee gidduu jirukan irra ejjetee isaan cicciruutii fikan namni tokko iyyuu harkaa buusuu hin dandeenyee taʼa.9Harki kee moʼannaadhaan diinota keetti kaʼa;amajaajonni kee hundinuu ni barbadeeffamu.10Waaqayyo akkana jedha;“Gaafas ani fardeen keessan gidduu keessanii nan balleessa;gaariiwwan keessan kan waraanaas nan barbadeessa.11Ani magaalaawwan biyya keessanii nan barbadeessa;daʼannoowwan keessan hundas nan diiga.12Ani falfaltoota keessan nan balleessa;isinis deebitanii hin mortan.13Ani fakkiiwwan kee soofamoo fi utubaawwan waaqeffannaa keetiigidduu keetii nan balleessa;ati siʼachi gad jetteehojii harka keetiitiif hin sagaddu.14Ani siidaa Aasheeraa gidduu keetii buqqiseemagaalaawwan kees nan barbadeessa.15Ani saboota naaf hin ajajamin irrattiaarii fi dheekkamsaan haaloo nan baʼa.”