Miikiyaas4gaz_bib
Tulluu Waaqayyoo
1Bara dhumaa keessatulluun mana qulqullummaa Waaqayyootulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata;inni gaarran caalaa ol ol jedha;namoonnis itti yaaʼu.2Saboonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu;“Kottaa gara tulluu Waaqayyoo,gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa.Inni akka nu daandii isaa irra deemnuufkaraa isaa nu barsiisa.”Seerri Xiyoon keessaa,dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa dhufa.3Inni namoota hedduu gidduutti murtii kenneesaboota jajjaboo gargar fagoo jiranis walitti araarsa.Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa,eeboo isaanii illee haamtuu tolfatu.Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatuyookaan waraanaaf jedhanii siʼachi nama hin leenjisan.4Namni hundi muka wayinii isaatii fimuka harbuu isaa jala taaʼa;Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu dubbateeraatiinamni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.5Saboonni hundinuumaqaa waaqota isaaniitiin deddeebiʼu;nu immoo bara baraa hamma bara baraattimaqaa Waaqayyo Waaqa keenyaatiin deddeebina.Karoora Waaqayyoo
6Waaqayyo akkana jedha;“Ani bara sana naafa walittin qaba;warra boojiʼamanii fiwarra ani gaddisiises walittin qaba.7Ani warra naafa hambaa,warra ariʼame immoo saba jabaa nan godha.Waaqayyo guyyaa sanaa jalqabeehamma bara baraatti Tulluu Xiyoon irratti bulchaa isaanii taʼa.8Yaa gamoo eegumsa bushaayee,yaa daʼoo Intala Xiyoon,ol aantummaan durii siif ni deebifama;mootummaan Intala Yerusaalem ni dhufa.”9Ati amma maaliif akkana iyyitee boossa?Ati mootii hin qabduu?Wanni ati akka dubartii ciniinsuun qabee miixattuufgorsaan kee badeetii?10Yaa Intala Xiyoon,akkuma dubartii ciniinsuun qabeetti aadi;ati amma bakkee keessa qubachuufmagaalaa keessaa baʼuu qabdaatii.Ati Baabilon dhaqxa;achitti ni baraaramta.Waaqayyo achittiharka diina keetii keessaa si fura.11Amma garuu saboonni hedduun si marsaniiru.Isaanis, “Isheen haa xurooftu;iji keenya xiyyeeffateeXiyoonin haa ilaalu!” jedhu.12Isaan garuu yaada Waaqayyoo hin beekan;isaan karoora isaa kan inni akkuma bissiioobdiitti walitti qabe sana hin hubatan.13“Yaa Intala Xiyoon kaʼiitii midhaan dhaʼi;ani gaanfa sibiilaa siif nan kennaatii;ani kottee naasii siif nan kenna;atis saboota baayʼee caccabsita.”Ati horii isaan karaa hamaadhaan argatan Waaqayyoof kennita;qabeenya isaaniis Gooftaa lafa hundaatiif kennita.No translations available.