Miikiyaas
2
/
gaz_bib
Karoora Namaatii fi Karoora Waaqaa
1
Warra daba karoorfatan
kanneen siree isaanii irraciisanii hammina yaadaniif wayyoo!
Sababii waan kana hojjechuun humna isaanii jala jiruuf
isaan ifa bariitiin kaʼanii waan sana hojjetu.
2
Isaan lafa qotiisaa kajeelanii qabatu;
manneenis akkasuma kajeelanii fudhatu.
Isaan gowwoomsaadhaan mana namaa,
dhaala isaas ni fudhatu.
3
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha;
“Kunoo ani balaa isin jalaa baʼuu hin dandeenye tokko
saba kanatti fiduuf karoorfadheen jira.
Isin siʼachi of tuulummaadhaan jiraachuu hin dandeessan;
yeroon kun yeroo rakkinaa taʼaatii.
4
Bara sana keessa namoonni isinitti gaʼisu;
akkana jedhaniis faaruu booʼichaa kanaan isinitti qoosu;
‘Nu guutumaan guutuutti barbadoofneerra;
qabeenyi saba kootiis gargar qooddatameera.
Inni narraa fudhata!
Lafa qotiisaa keenya warra nu moʼataniif kenna.’ ”
5
Kanaafuu ati nama ixaadhaan lafa qoodu tokko illee
waldaa Waaqayyoo keessaa hin qabaattu.
Raajota Sobaa
6
Raajonni isaanii, “Isin raajii hin dubbatinaa;
waaʼee waan kanaa raajii hin dubbatinaa;
salphinni nutti hin dhufu” jedhu.
7
Yaa mana Yaaqoob, “Wanni kun akkana jedhamuu qabaa?
Hafuurri Waaqayyoo obsa hin qabuu?
Inni waan akkasii ni hojjetaa?”
“Nama karaan isaa qajeelaa taʼeef
dubbiin koo waan gaarii hin hojjetuu?
8
Sabni koo akka diinaatti kaʼeera.
Isin namoota yaaddoo malee achiin darban
kanneen duulaa galaa jiran irraa uffata baafattu.
9
Isin dubartoota saba kootii
manneen isaanii babbareedoo keessaa ariitu.
Eebba koos bara baraan
ijoollee isaanii irraa fudhattu.
10
Kaʼaatii asii deemaa!
Iddoon kun lafa boqonnaa keessanii miti;
isheen xurooftee diigamtee baddeerti.
11
Namni sobaa fi gowwoomsaan tokko yoo dhufee,
‘Ani waaʼee daadhii wayiniitii fi
dhugaatii cimaa raajii siif nan dubbadha’ jedhe;
inni raajii saba kanaa taʼa!
Furamni Waadaa Galame
12
“Yaa Yaaqoob, ani dhugumaan
isin hunda walitti nan qaba;
ani hambaa Israaʼel walitti nan fida.
Ani akkuma hoolota gola keessaatti,
akkuma bushaayee lafa dheedaa jiraniitti walitti isaan nan fida;
lafti sunis tuuta namaatiin guutamti.
13
Inni cabsee karaa baasu fuula isaanii dura deema;
isaan cabsanii karraan baʼu.
Mootiin isaanii isaan dura baʼa;
Waaqayyo fuula isaanii dura deema.”
Powered by Seed Bible API
expand_more
Search
All books
Old Testament
New Testament
chevron_left
Previous Chapter
Books
search
Search
explore
Discover
share
Share
chevron_right
Next Chapter