Maarqos3gaz_bib
Yesuus Guyyaa Sanbataatiin Fayyisuu Isaa
1Ammas Yesuus mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture.2Isaan keessaas namoonni tokko tokko Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan.3Yesuusis namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu”jedhe.4Yesuusis, “Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?”jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan.5Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, “Harka kee diriirfadhu!”jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye.6Fariisonnis gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesuu dandaʼan garee Heroodis wajjin mariʼachuu jalqaban.Namoonni Yesuus Duukaa Buʼan
7Yesuus barattoota isaa wajjin achii kaʼee gara galaanichaatti qajeele; tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa isa duukaa buʼe.8Namoonni baayʼeenis yommuu waan inni hojjechaa ture hunda dhagaʼanitti Yihuudaadhaa, Yerusaalemii, Edoomiyaasii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo Xiiroosiitii fi Siidoonaatii gara isaa dhufan.9Innis akka baayʼina namaatiin hin dhiibamneef akka isaan bidiruu xinnoo tokko isaaf qopheessan barattoota isaatti hime.10Sababii inni nama baayʼee fayyisee tureef, warri dhukkubsatan hundinuu isa tuquuf jedhanii irratti wal cabsaa turan.11Hafuuronni xuraaʼoonis yeroo isa argan fuula isaa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii iyyu turan.12Inni garuu akka isaan akka inni beekamu hin goone jabeessee isaan ajaje.Filatamuu Ergamoota Kudha Lamaanii
13Yesuusis tulluutti ol baʼee warra ofii isaatii barbaade ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan.14Innis akka isaan isa wajjin jiraatanii fi akka lallabaaf isaan erguuf namoota kudha lama muudee barattoota jedhee moggaase;15akka isaan hafuurota hamoo baasaniifis taayitaa kenneef.16Warri kudha lamaan inni muudes isaan kana:Simoon isa inni “Phexros” jedhee moggaase,17Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis warra inni “Boʼanergees” jedhee moggaase; Boʼanergees jechuun ilmaan “Kakawwee” jechuu dha;18Indiriiyaas, Fiiliphoos, Bartaloomewoos, Maatewos, Toomaas, Yaaqoob ilma Alfewoos, Taadewoos, Simoon Hinaafticha,19Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.