Faaruu2gaz_bib

1Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiinintala Xiyoon haguuge!Inni ulfina Israaʼelsamiidhaa lafatti gad daddarbateera;inni guyyaa dheekkamsa isaattiejjeta miilla isaa hin yaadanne.
2Gooftaan gara laafina tokko maleeiddoo jireenya Yaaqoob hunda liqimseera;daʼannoo intala Yihuudaasdheekkamsa isaatiin diige.Inni mootummaa isheetii fibulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise.
3Inni dheekkamsa sodaachisaadhaangaanfa Israaʼel hunda caccabse.Yommuu diinni dhiʼaatettisharka isaa mirgaa duubatti deebifate.Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaaYaaqoob keessatti bobaʼe.
4Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate;harki isaa mirgaa qophaaʼeera.Warra ijatti bareedan hundaakkuma amajaajiitti qale;dunkaana intala Xiyoonittidheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse.
5Gooftaan akkuma diinaa taʼe;inni Israaʼelin liqimseera.Inni masaraawwan ishee hunda liqimseedaʼannoo ishee jabaa illee diigeera.Inni Intala Yihuudaattibooʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera.
6Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera;iddoo wal gaʼii isaas balleesseera.Waaqayyo akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fiSanbatoota ishee irraanfattu godheera;inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaanmoototaa fi luboota akka malee tuffate.
7Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera;iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera.Dallaawwan masaraawwan isheedabarsee harka diinotaatti kenneera;isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameettimana Waaqayyoo keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan.
8Waaqayyo dallaa naannooIntala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera.Inni safartuu diriirseera;barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne.Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe;isaanis tokkummaadhaan badan.
9Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru;inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera.Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamaniisaboota gidduu bibittinnaaʼaniiru;seerri siʼachi hin jiraatu;raajonni ishees siʼachiWaaqayyo biraa mulʼata hin argan.
10Maanguddoonni Intala Xiyooncalʼisanii lafa tataaʼan;isaan daaraa mataatti firfirfataniiuffata gaddaas uffatan.Shamarran Yerusaalemmataa isaanii gad qabatan.
11Iji koo booʼichaan dadhabeera;keessa kootti dhiphadheera;sababii sabni koo dhumeefsababii ijoollee fi daaʼimmandaandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniifgaraan koo gaddaan laafeera.
12Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irrattiakkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti,yommuu lubbuun isaaniihammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti“Buddeennii fi daadhiin wayinii eessaa jiru?”jedhanii haadhota isaanii gaafatu.
13Yaa intala Yerusaalem,ani maal siif jechuun dandaʼa?Maaliinan wal si qixxeessa?Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittiiani akkan si jajjabeessuufmaalittin si fakkeessuu dandaʼa?Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha.Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?
14Mulʼanni raajota keetiisobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha;isaan boojiʼamuu kee hambisuufcubbuu kee ifa hin baafne.Raajiin isaan siif kennanissobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha.
15Warri karaa keetiin darban hundinuuharka isaanii sitti rurrukutu;isaanis intala Yerusaalemittiqoosuu fi mataa raasuudhaan,“Magaalaan muummee miidhaginaagammachuu guutuu lafaajedhamtee waamamte sun kanaa?” jedhu.
16Diinonni kee hundinuuafaan isaanii sitti banatu;isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan“Nu ishee liqimsineerra.Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha;nu waan kana arguuf jiraanneerra” jedhu.
17Waaqayyo waan karoorfate hojjeteera;dubbii isaa kan bara dheeraan duradubbate sana guuttateera.Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera;akka diinni kee sitti gammadu godheera;gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera.
18Onneen namootaagara Gooftaatti iyya.Yaa dallaa Intala Xiyoonhalkanii guyyaaimimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu;boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin;iji kees hin boqotin.
19Yommuu eegumsi halkanii jalqabuttikaʼiitii halkaniin iyyi;fuula Gooftaa durattionnee kee akka bishaanii dhangalaasi.Lubbuu ijoollee keetiikanneen fiixee daandii hundaattibeelaan gaggabaniitiif jedhiitiiharka kee gara isaatti ol qabadhu.
20“Yaa Waaqayyo, ati ilaali; argis:Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta?Haadhonni daaʼimman isaanii,ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu?Lubnii fi raajiin,iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu?
21“Dargaggoonnii fi maanguddoonni,walii wajjin awwaara karaa irra ciisu;dargaggoonnii fi shamarran koogoraadeedhaan ajjeefamaniiru.Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe;gara laafina tokko malee isaan qalte.
22“Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameettinama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte.Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti,homaa hin miliqne yookaan hin hafne;warra ani daʼee guddisediinni koo na jalaa balleesseera.”